Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hidhamtoota Kuma Lamaa Ol Hiikuuf Murteesse


Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa

Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa namoota kuma 2000 ol kanneen himannaan adda addaa irratti dhiyaatee itti murtaa’ee fi qorannaa jala turan himannaa isaanii addaan kutee akka hiikaman har’a murteessee jira.

Namoonni hiikaman kun kanneen itti murtaa’e jiru, kannen poolisii dhaan qorannaa irratti geggeessamaa jiruuf beellamaan mana murtiitti deddeebi’aa turan himannaan isaanii addaan citee kan hiikaman ta’uun beekamee jira.

Hidhamtoonni siyaasaa sadarkaa adda addaa irra jiran illee akkuma mootummaan waadaa seenetti adeemsaan kan hiikaman ta’uu isaaf kunis araara biyyoolessaa akkasumas waltajjii siyaasaa bal’isee misooma biyyaa gabbisuuf tola jechuu dhaan sadarkaa itti aanaa biiroo haqaa Oromiyaatti abbaa adeemsa hojii kominikeeshinii obbo Taayyee Danda’aa ibsanii jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hidhamtoota Kuma Lamaa Ol Hiikuuf Murteesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:28 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG