Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liqaa Yunaayitid Isteetis Irra Jiru Yeroof Akka Furamu Yaadi Dhiyaatee Jira


Mana Maree Ameerikaa, Kaapitol Hiil (Suuraa faayilii)
Mana Maree Ameerikaa, Kaapitol Hiil (Suuraa faayilii)

Hoogganoonni Ripaablikaanootaa fi Dimokraatotaa mootummaa Yunaayitid Isteetis irratti liqaa jiru irratti liqaan guddaan akka hin dabalamne ittisuuf walii galtee yeroo gabaabaa irra ga’uutti wan deeman fakkaataa.

Hoogganaan garee senetii Mitch McConnel roobii kaleessaa Yunaayitid Isteetis liqaa ofi irraa baasuuf maallaqi itti hanqata ka jedhame Onkoleelessi 18 utuu hin dhaqqabin dura mootummaan liqaa liqeeffatu akka ol ka’uuf danqaa jiru yeroof furuuf furmaannni akka jiru mallattoon jiraachuu mul’isaniiru.

McConnel ibsa kennaniin, Ripaablikaanonni Dimokraatonni hanga baatii Muddee dhuftuutti liqaa yeroo hatattamaa gargaaramuuf ulaagaa jiru akka fayyadamanif kan eeyaman ta’uu beeksisan.

Kan dimokraatota qeeqan seneterichii Bernii Saanders sochii ripaablikaanotaa kana simatanii jiru.

Ripaablikaanonni dhuma irratti waa gaarii hojjetan, yoo xiqaate furmaanni waarinsa qabu hanga argamutti baatilee hanga tokko qabana jedhan Sanders. McConnel gama isaaniin, kannee Senetii dhuunfatan dimokraatonni waa’ee liqaa ol guddisuu ilaalchisee yaada araaraa dhiyeessuu qabu jedhan.

Adeemsi araaraa seerawwan bajata ilaallatan hangi tokko Senetii keessatti sagalee 60 argachuu utuu hin ta’en, sagalee caalmaan darbuu kan danda’u mala paarlaamaa ti. Akka mala araaraa kanatti dimokraatonni sagalee ripaablikaanotaa isaan hin barbaachisu.

McConnel roobii kaleessaa akka jedhanitti malli araaraa kun, yeroo isaan dhiphisan fi mootummaa dimokraatotaa tokkoomeef danqaa liqaa dabaluu ilaalchisee uumameef seera jiru akka dabarsaniif yeroo kennaaf jedhan. Akka filmaataatti yoo dimokraatonni tattaaffii baasii fi dilaalaa maatii miidhuuf Chaayinaa fayyadu kan ofii eeggannoon itti hanqate yoo dhiisan, marii bulchiinsaa gam lamaanii kan aadaa dhumaan ture jiraachuu danda’a jedhan.

Dura taa’aan garee senetii Chuck Schumer, malli araaraa sun adeemsa wal xaxaa fi balaa qabu ittiin jedhan. Ripaablikaanonni baatii Adoolessaa qabee liqaa ol kaasuuf sagalee akka hin kennine dubbataa turan.

XS
SM
MD
LG