Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Paartii ARENA Duraanii To’annaa Jala Oolan


Obbo Abrahaa Dastaa (Suuraa faayilii)
Obbo Abrahaa Dastaa (Suuraa faayilii)

Paartii siyaasaa naannoo Tigraay keessa sosso’aa turan keessaa tokko kan ta’e dura taa’aa ARENA kan turan obbo Abrahaa Dastaa torban darbe to’annaa jala oolanii jiran.

Abukaatoon obbo Abrahaa obbo Tesfalem Berihee akka jedhanitti obbo Abrahaan sambata darbe mana murtiitti dhiyaataniiru. Dhimma isaan itti himatamaniifis ibsameera jedhan. Himannaan sunis sabaa himaalee irratti ergaa daddarbuun wal qabachuutti dabalee, meeshaa seeraan alaa qabachuun shakkamanii to’annaa jala ooluutu itti himame jedhan.

Abukaatoon isaanii obbo Tesfaleem akka jedhanitti obbo Abrahaan guyyaa to’annaa jala oolan, hidhamtoota kanneen biroottii waan adda ta’e, miidhaan irra kan hin geenye ta’uu dubbataniiru.

Haala kana keessaa harka kan hin qabaanne jedhaman obboleessi isaanii quxisuun illee waliin hidhamuun isaanii kan isaan yaaddesse ta’uu ibsaniiru. Dhimma isaa qulqulleessuufis yeroon itti dabalaa gaafatamuun ibsameera jechuun Habtaamuu Siyyuum gabaaseera.

XS
SM
MD
LG