Xurree ittiin seenan

Godina Booranaa aanaa Dubuluqi,magaalaa Yaaballoo fi aanaa Miyootti ummatii hardhaa fi kaleellee hiriira bahe rakko akka akkaa himate

  • Soraa Halakee

Oromiyaa, Itoophiyaa

Har'ha Dubuluqitti kalee ammoo Yaaballoo fi aanaa Miyoo magaalaa Hiddii-Lolaatti ummatii godina Booranaa dhiyo tana hiriiraa karaatti yaa’ee dhiphuu godina isaa himachumatti jira.

Godinii Booranaa godina Oromiyaa shanan wal dhaba daangaa naannoo Somaaleetiin namii hedduun irraa lubbu dhabee kumii hedduun irraa baqte keessaa tokko.

Rakkoo himatan keessaa “waraanii Liyuu Hayili fi Ittisa Biyyaa ummata fixuu akka dhaabuu,waraanii ji’a dabre keessaa magaalaa Sooddaatti nama nagaa fixe seeraan akka gaafatamuu,waraanii Liyuu Hayil fi Ittisa Biyyaa Jimaata dabre aanaa Areerootti nama nagaatti duulee fixe seeraan ha gaafatmuu, Soodduu Shalaqaa Jaatanii Alii huura keessaa fuudhanii addababayii (waljajjii)lafaatti akka dhaaban, bulchaan godina Booranaa hujii irraa akka bu’uu fi rakkoo akka akkaa fa himatan,” jedha warrii nu dubbifne.

Rakkoon himatan ta dhibiin ‘Yuniverstii Booranaa’ fi ’Koollejjiin Barsiisota Yaaballoo jaaruuf dhagaa yayyabaa kaahanii fi koollejjiin bananii cufan akka banamte ummatii faaydaa keessaa argatu fa.

Ka dhibiin ammoo Oromiyaan amma rakkoo keessa jirtu akkuma duriitti deemuu waan hin taaneef godinii kunilleen akkuma godina Oromiyaa ka dhibii haaromsa qabaachuu malee jedhan fa.

“Haga ammaatti ummatii daanguma ufii irratti ijjeefamuutti jirawaggaa 27 asi takka ummatii Booranaa,Oromoo daangaa irratti nagaan jiraannee hin beennu,” jedha namii nu buddifne tokko.

Wal dhaba daangaa kanaan haga ammaatti namii wal dhaba kanaan dhumate beekamu dhabuun,ummata baqate dhaqanii laaluu dhabuun rakkoolee himatan keessaa haga tokko.

Aabba Galma Boruu,itti gaafatamaa biiroo odeeffannoo godina Booranaati.Akka innii jedhutti ummatii rakkoo buclhiinsa dansaa qabaachuu,Jaatanii Aliitii soodduu isaa malte akka dhaaban yuniverstii fi koollejjiin godina kanaaf jaaruu waadaa galan akkuma jedhanitti akka jaaramtu fi rakkoo akka akkaa himatan.

Waraanii Liyuu Hayilii fi Ittisa biyya wal daangaa Somaalee irratti gara keenna dhukaasee nama keenna fixuutti jira.Waraanii kun ji’a sadii keessatti nama 153 caalaa nurraa madeesse,Mooyalletti nama guyyuma guyyaan butamaa jiraa seeraan hojjachuutti hin jiruu jedha.

Akka jecha aabba Galmaatti lakkoofsa nama dhumatee fi baqatee amma harkaa qabaachuu baatullee nama hedduutti lola Liyuu Hayil kanaan dhumatee baqatellee.

Ummati keenna yero gara yerotto du’uutti jiraa waraanii mootummaa Sooddatti nama fixe seeraan gaafatamuu qaba. Naannoo Maayyaleetii dira keessaa nama butanii deemumatti jiran .Waraana dheengaddaa ka Areeroo irratti waraanii Liyuu Hayilii fi Mekkelaakkeyaan(waraanii Ittisa biyyaa) nama keenna hedduu madeesse,” jedha.

Akka aabba Galmii jedhutti ummatilleen Hiddii-Lolaatti,Areeroo fi Dubuluqilleetti tanuma bahee himate.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG