Xurree ittiin seenan

Breaking News

Diplomaatiin Yunaayitid Isteetis Gameessi Maayik Pompeeyoo Sudaaniin Daawwataa Jiran 


Ministeerri haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Maayik Pompeyoo bulchiinsi Tramp ennaa inni hariiroo Israa’el biyyootii Arabaa waliin qabdu fooyyessuuf dhiibbaa gochaa jiru kanatti Kibxata har’aa Sudaaniin daawwataa jiran.

Pompeyoon muummichi ministeeraa Sudan Abdallaa Hamdok fi dura taa’aa mana maree mootummaa ce’umsaa sudaan jeneraal Abdel Fattah el Burhaan waliin wal arguuf jiru.

Dhimma hariiroo Sudaanii fi Israa’eltti dabaluu dhaan Poompeyoon deggersa Yunaayitid Isteetis mootummaa ce’umsaa Sudaan kan siviliin hoogganamu deggeruu itti fufuu ishee mari’achuuf jira jechuu dhaan ministriin haajaa alaa Ameerikaa beeksisee jira.

Hamdook muummicha ministeeraa kan ta’an Hagayya darbe erga hiriira mormii baatilee hedduuf biyyatii raasee waraanni biyyattii prezidaant Omar al-Bashiriin aangoo irraa darbee booda.

Tokkummaa imireetota Arabaa waliin hariiroo naga eegumsaa waggoota 20 olii qabna kan jedhan Pompeyoon deggersa teekinikaa fi waraanaa illee kennaafii turre jedhaniiru.

Imalli isaanii kun kan dhaga’ame erga Washington jalqaba baatii kanaa kan Netanyaahuunis naannoo sanaaf ergaa bara haaraa dabarsa jedhan hariiroo Israa’elii fi tokkummaa Emireetota Arabaa jaarsummaan gidduu seenee gargaaree booda..

Prezidaantiin Faalisxiin Mahamoud Abbaas garuu walii galteen sun Faalisxiniin ganuu dha jedhan. Hariiroon Israa’elii fi Tokkummaa Emireetota Arabaa hamma Israa’el fi Faalisxiin nagaa buusanitti akka aadaa biyyoota Arabaa jidduu jiru cabsutti ilaalama jedhan.

Pompeyoon Hagaya 23-28tti Baahireen, Tokkummaa Emireetota Arabaa fi Sudaan kan daawwatan yoo ta’u, dhimmi Iraan ilaalchisee dhimmootii nageenya naannoo fi hariiroo Israa’el naannoo sana keessatti qabdu mari’achuun mata duree ijoo kan ta’u ta’uun ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG