Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummati Magaalaa Aksuum Ajjeechaa Loltoonni Eertraa Magaalattii Keessatti Raawwatan Jedhan Hojii Dhaabanii Mana Ooluun Mormii Isaanii Ibsan 


Faayilii - Nama uffata waraana Ertiraa uffatee naanoo magaala Aksum keessa miilaan deemu, Bitootessa 18, 2021
Faayilii - Nama uffata waraana Ertiraa uffatee naanoo magaala Aksum keessa miilaan deemu, Bitootessa 18, 2021

Magaalaa Axum keessatti ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatame yaadachuuf jecha manaa ba’uu dhiisuu dhaan dheengadda mormiin geggeessamee jira.

Uummati Magaalaa Aksuum Ajjeechaa Loltoonni Eertraa Magaalattii Keessatti Raawwatan Jehan Hojii Dhaabanii Mana Ooluun Mormii Isaanii Ibsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:49 0:00

Dhiittaa mirga namaa naannoo sana keessatti raawwatame jedhame qorachuuf karoorfamuu isaas komiishinichi loogii irraa walaba miti jechuun mormanii jiran. Dhima kanaaf deebii akka kennu kan gaafatame komiishinni mirga namaa Itiyoopiyyaa gama isaan, hojii inni hojjetu walabaa fi amanamaa ta’uu qorannaalee kutaalee biyyattii adda addaa keessatti inni hojjetu ragaa dha kan jedhe tuquu dhaan Mulugeetaa Atsbehaa Meqelee irraa gabaaseera.

Loltoonni Eertraa magaalaa Aksuum keessatti Sadaasa 19 baa 2013 namoota nagaa dhibbaan laka’aman irratti yakka ajjeechaa raawwa Amnesty International gabaaseera. San boodas Human Rights watch fi komiishinni mirga namaa Itiyoopiyaa qorannaa geggeessan ilaalchisee gabaasa baasaniiru.

Ajjeechaan sun kan itti raawwatame baatii arfaffaa yaadachuuf dilbata darbe manneen namootaa keessatti sirni dungoo qabsiisuu geggeessamuu jiraattonni magaalattii ibsaniiru. Mikeelee G/Medin jiraataa magaalattii ti. waaltaaleen daldalaa magaalattii cufamanii ooluu dubbataniiru.

Addunyaan akka nuu beeku barbaanna. Hacuucaa fi dararaan nu irra ga’e ammas nu irra ga’aa jiru akka beekamu barbaanna. Mana keenya taa’uuun yaadataa jirra. Mootummaan amma jiru immoo akka namaa fi akka lammiiwwan Itiyoopiyaatti nu ilaala taanaan, kun martinuu utuu nu irra ga’uu maaliif callise? Addunyaa fi kan bitaa itti gale hawaasi biyyattii yoo jiraate beeksisuuf jennee ti kan kana goone jedhan.

XS
SM
MD
LG