Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana Marii Amerikaatti bulchootii koree haajaa alaa Afrikaa waan Itoophiyaan keessa jiirtu ogeeyyota yaamanii irraa caqasan


Rep., Chris Smith(2018)

Bulchootii Mana Maree Amerikaa waan Itoophiyaa keessa jirtuu ogeeyyota irraa caqasan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:37 0:00

Mana Marii Amerikaatti bulchootii koree haajaa alaa Afrikaa waan Ioophiyaan keessa jirtu ogeeyyota yaamanii irraa caqasan

Bulchootii koree tanaa Rep. Chris Smith fi Rep., Karen Bass warra siyaasaa Itoophiyaa akka dansaa keessa beeku. Dhiphuu fi bal’inna isiillee qubuma qaban. Bulchoota Itoophiyaa ta ammaatii fi ta duriilleen wal haasaa bahan.

Ammallee ogeeyyota yaamanii waan Itoophiyaa ganna lamaan dabran keessa baate keessatti guyyaa 30n dabaran keesastti tahe irratti waan raga baasisan.

Akka yaada fi ragaa kana bahanillee jara kana lamaanti yaada dhiyeesse.

Waan Itoophiyaa gama Kaabaatti itti jiran ka mootummaa nagaa eegisuu jedhuu fi mootmmaan naannoo Tigraay ammoo lola nurratti banan jedhe “Walti bu’iinsa Itoophiyaa hin qabbanoomne” jedhu irratti ragaa caqasan.

Karen Bass miseena mana maree Amerikaa kutaa Kaalifoorniyaatii filatamte.Jarii yaaman kun warra oguma akka akkaa qabu.

“Namoota dhugaa bahan ennaa murteessinu baay’ee itti yaadneerra. Dhimmi ijoon isaa, dhuga-baatota dhaggeeffachuun garuu, dhiibbaa lammiwwan Itiyoophiyaa biyyoota alaa jiraataniin ka tahe. Yeroo tokko tokko dhuga-bahnisa dhaggeeffachuun nutti ulfaata. Sababaan isaa ennaa nuti kana goonu, namoonni ka gama tokkoo akka nuti bakka buunu barbaadu.Mana Maree Ameerikaa keessatti immoo, kana gochuun hojii keenya miti. Kanaaf deemsi har’aa dhuga-baatota dhaggeeffachuu kan har’aa kun bu’a qabeessa tahee akka argitanii fi Itiyoophioyaan nagaa fi tokkummaa ishee akka argatuu gama gargaaruutiin Ameerikaan qooda gaarii akka qabaattu ka barbaaddu tahuu akka hubatattan abdiin qaba. Kana malees deemsi dhuga-bahinsa dhaggeeffachuu kunii fi murtiin dabarsamu, ka tarkaanfii tokko gara fuul-duraatti butu malee ka xumuraa miti.”

Chris Smith, miseensa mana maree Amerikaa NJ filatame.Rakkoolee innii Itoophiyaa keessa jiraachuun maqaa dhahe ta marroo hedduu mumullatu jedhe walti bu’iinsa fi awwaansisa Itoophiyaatti midhaan balleessuutit jiru.

"Itiyoophiyaan uummata Itiyoophiyaaf qofa otuu hin taane, guutummaa Gaanfa Afrikaa fi Afrikaafis walumaa-galatti biyya baay’ee barbaachistuu dha. Bara rakkoo fi rakkoolee kana injifattummaan ceetee gara fakkeenyummaa hordofuun danda’amuutti deebi’uu qabdi.”

Akka Kongiressman Chris Smith jedhetti biyytii guddoon tun nagaa qabaachuun waan akka malee barbaachisaati.

Tsedaalee Lemmaa nama barullee Addis Standard yayyabee fi qopheessullee. Wara waan Itoophiyaan keessa jirtu irratti dhugaa bahe keessaa tokko. Waan ganna lamaan dabran Itoophiyaatti namii mirga dhabee tahe dhugumaan qorachuu qaban jetti.

“Hawaasa fiixee gamaa fi gamanaa dhaabbatee wal-mormu keessatti qorannaa walabaa fi ifa tahe geggeessuu ka danda’u qaama Tokkummaa Mootummaatiin itti-gaafatamni itti kennamee dhaabatu qofa jedheen amana. Gurmuu qorannaa Tokkummaa Mootummootaatiin taayitaan itti kennamee ala, hawaasni Itiyoophiyaa addaan qoqqoodame Komishinii Mirga dhala-namaa Itiyoopiyaa fi jaarmayicha mirga dhala-namaa sadarkaa Addunyaa – Amnestii Internaashinaal dabalatee, dhaabbata ka biraa kam irrattiyyuu dhimma baay’ee barbaacbisaa kana akka geggeessuuf amantaan irra hin kaa’atamu.”

Lauren Pilochblanchard Mana maree Amerikaatti qorattuu haajaa Afrikaati.Waan guyyaa 30 keesatti Itoophiyaa gama Kaabaatti tahe akka dansaa beekuuf waan hin qulqullaahin akka malee hedduuti jira jetti

“Lafa bilbilaa fi interneetiin cittetti, gaaxexeessitotii naannoo sun seenanii gabaasuu lafa dadhabanitti maanti maan tahuutit jira jedhanii beekuun akka malee nama dhibdi.Nama hagamitti baqatee fi nama hagamitti gargaarsa barbaada jedhani beekuuf nama dhibdi.Meediyaan hedduun nama kuma hedduutti lubbuu dhabe jedha taatullee odeefannoo mirkanaa hin qamnu. Muummeen minsitera duula mootummaatiin namii nagaa ka du’e hin jiru jedhe.Baqataan ammo waandhibii jedha.”

Amerikaatti daarekterii sagantaa Inistiyuutii Afrikaa,Susan Stigant warra raga bahe keessaa tokko.Isiin rakkoo gargaarsa irratti dubbatte.

“Wal dhabii kun rakkoo namii akka namaatti dandamachuu hin dandeenne, rakkoo jireennaa, rakkoo nyaataa fi qooda Itoophiyaan naannoo tanatti qabdu irratti rakkoo uumuuti jira. Tun ammo deemsaa jijjiiramii itti jiru irratti gaafii guddoon dhufa.Akka Amerikaan himaammata naannoo sunitti qabdu irra deebitee laaltu tolcha.”

Dhaaba mirga namaa qoratu Freedom House keessaa ogeessii olaanaa Yooser Baawuzaalleen warra waan Itoophiyaan keessa jirtu mirga dhabiiti fi rakkoo jrtu irratti ragaa bahe keessaa tokko.

Waraanii naannolee keessa jiru maan akka hojjatu irratti xiyyeeffachuun qorachuun barbaachisa jedha.

Yaadawwan Ilaali (8)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG