Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-maree Yunaayitid Isteetis Baajeta Tumsa Lamiilee Harra Raggaasisa Jedhamee Eeggama


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Manni-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis, har’a, baajeta gargaarsa miidhama Vaayirasii Koronaa, Doolaara Triliyoona tokkoo fi qabxii sagal, kan galii namoota dhuunfaa fi daldaltoota Ameerikaa tumsuuf karoorfame ni raggaasisu jedhamee eegama.

Manni-maree Sagalee kennuu isaa dura – Afan-yaa’iin Mana-marichaa – Naansii Peloosii, ibsa kennaniin, qiyyaafatni baajetichaa “jireenyaa fi jiruu uummataa baraaruu fi abdii egeree uummatichaaf kennuuf “ jedhan.

Irra-jireessii miseensota Mana-maree Dinmookiraatota waan tahaniif baajetichi akka raggaasisamullee amantaa guutuu qaban.

XS
SM
MD
LG