Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hirmaannaan Dubartoonni Filannoo Keessatti Qaban Jajjabaachuu Qaba Jedha Komiishinni Mirga Namaa Itiyoopiyaa 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Komiishinni mirga namaa Itiyoopiyaa mata duree “Qabsaa’uu haa filannu” jedhuun kan kabajamu guyyaa dubartoota addunyaa sababeeffachuu dhaan, kaleessa ibsa ifa taasiseen, filannoo biyyoolessaa baatilee xiqqoo booda geggeessamuuf jiru irratti hirmaannaa qixxee fi walaba ta’e dubartootaaf akka jiraatu balballi akka saaqamu waamicha kan dabarsu dha.

Hirmaannaan Dubartoonni Filannoo Keessatti Qaban Jajjabaachuu Qaba Jedha Komiishinni Mirga Namaa Itiyoopiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:49 0:00

Akka ibsa sanaatti kaadhimummaa paartii polotiikaa, filuu, filannoo raawwachiisuu akkasumas gama adda addaan dubartoonni adeemsa filannoo keessatti hirmaatan haasaa jibbiinsaa saala irratti hundaa’ee fi dararaa saalaa ka biroof akka hin saaxilamne qaamni dhimmi ilaallatu martinuu akka irraa ittisu waamicha dabarsee jira.

Komiishinichi guutuu addnya irraa guyyaa dubartootaaf adda ta’e kanatti ibsa kana baasuu isaa dura qorannoo tokko geggeessee kan ture ta’uu isaa ibsicha irratti tuqamee jira.

Jarmayaa qixxummaa dubartootaa fi dubartoota cimsuu kan tokkummaa mootummootaa waliin ta’uu dhaan komishinichi geggeesseen, keessumaa ennaa filannoo miseensummaa paartii polotiikaa fi sochii filannoo adda addaa irratti dubartoota hirmaatan irratti miidiyaa hawaasaa irrattis ta’e kallattii dhaan haleellaalee adda addaa saala irratti hundaa’e kan jechaa fi qaamaaf saaxilamoo ta’uun isaanii beekameera.

XS
SM
MD
LG