Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Federaalaa Namoota Sadii Irratti Murtii Hidhaa Dabarsee Jira


Manni Murtii Federaalaa Namoota Sadii Irratti Murtii Hidhaa Dabarsee Jira
Manni Murtii Federaalaa Namoota Sadii Irratti Murtii Hidhaa Dabarsee Jira

Abbaan alangaa Federaalaa Itiyoopiyaa dhaddachi 19ffaan Onkoloolessa bara 2007 galmee zelaalem Workagenyeufaatiin yakka shororkeessummaan kan himate namoota 10 keessaa kanneen balleessaa itti mure sadii Zelaalem Workagenyehu, Solomon girma fi Tesfaye Teferii murtii hidhaa irratti dabarsee jira.

Yakki isaa giddu galeessa ka jedhame Zelalem Workagenyeehu hidhaa waggoota shanii fi baatii afurii, yakki isaa salphaa kan ittini jedhe Tesfaye Teferii hidhaa waggoota sadii fi ji’a 11 haaluma wal fakkaatuun yakki inni hojjete salphaa kan ittiin jedhe Solomon Girmaa hidhaa waggoota sadii fi baatii torbaan akka adabaman manni murtichaa murteessee jira.

Guyyaan kun guyyaa qabamanii irraa qabee kan laka’amu ennaa ta’u, qaamni komee qabu mirgi ol iyyannoo isaa kan eegamuuf ta’uu ibsuu dhaan manni murtichaa galmee sana cufee jira.

Galmee dhuma kana irratti himatamanii kan turan miseensonni bulchiisa paartii tokkummaa duraanii obbo Habtaamuu Ayyaaleew, obbo Daani’el Sileshii, miseensa paartii Arena obbo Abredhaa Destaa, kan Semayawii paartii obbo Yeshiwas Aseffaa ofi irraa ittisuun utuu hin barbaachisin manni murtichaa walaba gad dhiisee jira.

Manni murtii kun yakka shororkeessummaan kan himate kanneen interneetii irratti barreessan fi gaazexeessota 10 keessaa akka ofi irraa ittisuuf kan ajajame ragaa Befeqaaduu Haailuu dhaggeeffatee jira.

Abbaan alangaas ragaa isa duraa ennaa mormu manni murtichaa falmii gam lamaanii dhaggeeffatee himannaa abbaa alangaa hambisuu dhaan ragaa lamaan dhaggeeffatee jira. Murtii kennuufis waxabajjii 22 bar 2008tti beellama ka biroo kennee jira.

Manni Murtii Federaalaa Namoota Sadii Irratti Murtii Hidhaa Dabarsee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:42 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG