Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Hidha Laga Abbayyaa Itti Fuufa: Angawaa


Faayilii - Dubbii himaa ministrii haajaa alaa Itiyoophiyaa, Dinaa Muftiitu
Faayilii - Dubbii himaa ministrii haajaa alaa Itiyoophiyaa, Dinaa Muftiitu

Masrii, Sudaan fi Itiyoophiyaaf marii isaanii Wiixata dhufu akka itti fuufan dubbii himaa ministrii haajaa alaa Itiyoophiyaa Dinaa Muftiitu tuuta oduuf ibse.

Mariin kun duubatti harkifachuun Amerikaa waan mufachiise hin qabu kan jedhan Obbo Dinaan hariiroon Amerikaa fi uummata ishee waliin Itiyoophiyaan qabdu falmii waa'ee hidha laga Abbayyaa kana ni caala jedhan.

Waayit Haawus gargaarsa misoomaa Itiyoophiyaaf kennamu hanqiisuuf deema oduu jedhus odeeffannoo isaa hin qabu jedhan.

Masriin Somaaliilaand keessattimaadhee waraanaa ijaaruuf deemtii oduu jedhus dhimma biyyoota lamaanii ta'uus itti dhiyeenyaan caqasna jechuu isaanii Mallaskaachoo Ammahaa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG