Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Dubartootaan Qophaa’e Washington DC fi Addunyaa Bakka Birootti Geggeessame


Dubartoonni hawaasa Oromoo washington DC fi naannoo ishee VA, MD,Pennselavaniya fi Delware irraa walitti dhufan kanneen dhibban laka'aman har'a as washington DC ministrii dantaa alaa fuulleetti hiriira nagaa geggeessanii jiran.

Hiriirri Dubartootaan Qophaa’e Washington DC fi Addunyaa Bakka Birootti Geggeessame
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:04 0:00

Hiriirri kun waamicha waldaa dubrtoota addunyaan ta'uu dura teessuun boordii hawaasa Oromoo Washington DC aadde Janet Adam dubbatanii jiran. Kaayyoon hiriira kanaa maal akka ta'e ibsuu dhaan eegalu.

Kaayyoon hiriira kanaas dhiittaa mirga namaa yeroo ammaa Itiyoopiyaa keessatti oofamaa jiru akkasumas dararaa fi hiraafama uummata Oromoo irratti geggeessamu mormuuf akkasumas ajjeechaa artist Haacaaluu ilaalchisee haqi isaa akka mirkanaa’u,obboloonni keenya gar malee hidhaman kanneen akka Jawaar Mohaammadii fi Baqqalaa Garbaa seeran ala waan hidhamaniif haa hiikaman, sabaa fi sablammoonni mirgi isaanii kan keessatti dhugoome Itiyoopiyaan hundooftee dimokraasiin yeroo ammaa dhaabe deebisee akka ifu gaafanna ka jedhu.

Adde Janet Adam Kaayyoo hiriira kanaa nuuf ibsaniiru.

Hiriirri Dubartootaan Qophaa’e Washington DC fi Addunyaa Bakka Birootti Geggeessame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:12 0:00


XS
SM
MD
LG