Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dagannaa Uummataatu Dhukkuba Koviid-19 Hammeessaa Jira:Angawaa


Dr. Taganee Raggaasaa
Dr. Taganee Raggaasaa

Ministeerri eegumsa fayyaa Itiyoophyaa weerara dhukkuba Koviid-19 hanqisuuf akkasumas ittisuuf jecha duula hawaasa hirmaachisee jalqabuuf qophiitti kan jiru Ta'u beeksisee.

Of-eeggannaa barbaachisu gochuu dhaba irraa Itiyoophiyaa keessatti faca'inni vaayrasii Koronaa dabaluun ibsameera.

Kanaafis jecha duula torban dhufu jalqabamuun uummanni waa'ee dhukkubichaa hubannoo akka argatu gochuuf maatiiwwan manneen Miliyoona 17 keessa jiraatan dhaqqabuun isaan keessaa namoota 200,000 irratti qorannaa dhukkuba Koviid-19 gaggeesuuf karoorfamee akka jiru ibsameera.

Kanneen keessaa 10,000 kan ta'an vaayrasii Koronaan qabamuu malu tilmaamnii jedhu akka jiruus ibsamee jira.

Ministeera eegumsa fayyaa Itiyoophiyaatti Daayreekteera kutaa dhimmootii Komunikeshinii kan ta'an Dr. Taganee Raggaasaa aliin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

Dagannaa Uummataatu Dhukkuba Koviid-19 Hammeessaa Jira:Angawaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:53 0:00


XS
SM
MD
LG