Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uggurri Geejibaa Oromiyaa Keessatti Waammame Biyyoota Oollaa Keessatti Hanqina Kudraa fi Jimaa Dhaqabsiise


Faayilii - Oromiyaa keessaati karaa mormitootan cufame, Guraandhala, 2016
Faayilii - Oromiyaa keessaati karaa mormitootan cufame, Guraandhala, 2016

Wiixata kaleessaa lakkoobsii kokolaataa magaalaaa Dirree Dawaaaa seenanii fi ba'anii gad bu'aa akka turee fi gatiin Jimaa fi Kudraa dabaluun ibsamee jira.

Marsariitii hawaasaa irratti waamichii dhiyaatee Oromiyaa mara keessatti sochiin geejibaa Wiixata kaleessaa kaasee akka dhaabatuu gaafatee sun bulchiinsa naannoo Somaalee fi biyyoota ollaa kan akka Jabuutii fi Somaalii Laand keessatti hanqiina Jimaa fi Kudraa dhaqqabsisuu isaa Addis Chakkol gabaasee jira.

Uggurri Geejibaa Oromiyaa Keessatti Waammame Biyyoota Oollaa Keessatti Hanqina Kudraa fi Jimaa Dhaqabsiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:20 0:00

Kunis daandileen cufamuu irraa otoo hin taanee kokolaataan Minii Baasii magaalaalee walitti dhiyeenya qaban gidduu deddebii'an sochii hanqisuun ta;uun ibsamee jira.Har'a garu sochiin foyya'an akka jiru ibsamee jira.

Godiina Harargee Dhiyaa magaalaa Ciroo keessatti konkolaataa guddaan gubachuu isaan gamasii gara Finfinneetti akkasumas Finfinnee irraa gara godinichaatti imalli ta'u sa'atilee hanga tokkoof addaan cituun kan ibsamee ta'uus itti gaafatamaan waajiira Komunikeshinii godinichaa Obbo Huseen Waayyuu kokolaataan kan gubatee Dilbata darbee ta'u fi imalli addaan citee akka hin turre ibsan.

Harargee bahaa fi bulchiinsa naannoo Hararii keessa rakkoon uumamee akka hin jirre beekameera jedha oduu gabaasaan raadiyoo sagakee Amerikaa kun.

XS
SM
MD
LG