Xurree ittiin seenan

Breaking News

Benishaangul Gumuzii fi Wallagga Bahaa Keessatti Namoonni Hedduun Hidhamanii Seeratti Hin Dhihaanne, Jedhama 


Faayilii - Mana Hidhaa masaraa Kumsaa Morodaa keessaa, Naqamtee

Bulchiisa naannoo Benishaangul Gumuz, Godinaa Matakkal, aanaalee Dibaaxii fi Bulan keessatti riphxee loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu sababaa jedhuun namoota digdamaa ol qabamanii hidhaman, jechuun maatiileen namoota hidhamanii fi abukaatoon isaanii VOAtti himan.  

Bulchaan Godinaa Matakkal Obbo Attinkuut Shittuu, “namoonni hidhaman, kanneen “Oneg Shanee” bilbilaan, nyaataa fi odeeffannoo kennuun gargaaraa turan,” jedhan.

Benishaangul Gumuzii fi Wallagga Bahaa Keessatti Namoonni Hedduun Hidhamanii Seeratti Hin Dhihaanne, Jedhama
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:41 0:00

Haaluma wal-fakkaatan, “magaalaa Naqamteetti namoonni hedduun eega hidhamanii baatii tokkoo haga baatiilee jahaa tahe, mana-murtiitti hin dhihaanne yokaan gadi hin lakkifamne,” jechuun himatu – abukaatoon isaanii fi maatiilee keessaa.

Itti gaafatamaam Biiroo Bulchiisaa Nageenyaa magaalaa Naqamtee, Obbo Misgaanuu Waaqgaarii, gama isaaniitiin, “namoonni hagi xiqqoon nageenya magaalattii waan jeeqaniif hidhamanii jiru. Yakki isaan raaw’atan qulqulleeffamaa jira,” jedhan.

Biiron Bulchiisaa fi Nageenyaa Oromiyaa immoo, “Oromiyaa keessatti namni yakkatti shakkamee qabamee mana-murtiitti hin dhihaatiin hin jiru” jedha. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG