Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jawaar fi Baqqalaa Dabalee Shakkamtoonni 14 Har’a Mana-murtiitti Dhihaatan  


Baqalaa Garbaa fi Jawaar Mohaammad
Baqalaa Garbaa fi Jawaar Mohaammad

Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa 1ffaa obbo Jawaar Mohaammadii fi Baqqalaa Garbaa dabalatee shakkamtoota 14 irratti abbaan alangaa ragaa akka dhageessisuuf murtii kennuun himamee jira

Obbo Jawaar Mohammad, Baqqalaa Garbaa fi Obbo Hamzaa Adaanee dabalatee shakkamtoota 14 har'a gara galgalaa mana murtii federalaa sadarkaa jalqabaa dhaddacha Araadaatti ture ka dhihaatan.

Abbaan alangaa Waliigalaa obbo Jawaar dabalatee shakkamtoota 14 galmee obbo Jawaar jechuun galmee jalqabaa ka bane yoo tahu Manni murtiis galmee qorannoo kana irratti akka abbaan alangaa ragaa namaa dhiheeffatuuf Hagayya 4 bara 2012tti beellame, jechuun Abukaatoon isaanii Obbo Kadir Bulloo, VOAf ibsanii jiru.

Obbo Jawaar Mohammed fi Obbo Baqqalaa Garbaa Dabalee Shakkamtoonni 14 Har’a Mana-murtiitti Dhihaatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:45 0:00


XS
SM
MD
LG