Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexeessaa OMN, Mallasaa Dirribsaa  fi Gaazexeessaa Yaasin Jumaa Dabalee  Namootni Shan Akka Wabiin Gad-lakkifaman Murame


Gaazexeessaa OMN, Mallasaa Dirribsaa
Gaazexeessaa OMN, Mallasaa Dirribsaa

Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa gaazexeessaa OMN Mallasaa Dirribsaa fi gaazexeessaa lammii Keeniyaa Yaasiin Jumaa dabalatee namootni galmee Ciibsaa Abdulkarim keessatti himataman shan akka mirgi wabii eeggameefi gadhiifaman ajaja kenne.

Haaluma wal fakkaatuun galmee Obbo Jumbaa Huseen keessatti kan argaman namoonni jahas wabiin akka gadi lakkifaman murtaa’uusaa abukaatoon himatamtootaa himanii jiran.

Gama biraartiin garuu, mirga wabii kabachisuuf maallaqa barbaachisuu erga kaffallee booda, koomishiniin poolisii Finfinnee akka qooranno biraatiif isaan barbaadu ibsuun akka gadii hin lakkisne nuuf ibse, jechuun maatii hidhamtoota keessaa Raadiyoo Sagaalee Ameerikaatti himan.

Tsahaay Daamxoo tu Finfinnee irraa gabaase.

Gaazexeessaa OMN, Mallasaa Dirribsaa  fi Gaazexeessaa Yaasin Jumaa Dabalee  Namootni Shan Akka Wabiin Gad-lakkifaman Murame
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:42 0:00



XS
SM
MD
LG