Xurree ittiin seenan

Breaking News

Musaa Faakii Mahmat Ajjeechaa Gaggeeffame Balaaleeffatan


Itiyoophiyaa keessatti hokkara gosotaa uumameen namoonni nagaa ajjeefamuu kan jabeessanii morman dura ta'an komiishiina Gamtaa Afrikaa kun maatii namnii jalaa ajjeefameef gadda itti dhaga'amee ibsuun kanneen nada'aniif immo fayyiina hatattamaa hawwanii jiru.

Angawoonni Itiyoophiyaa kanneen yakka sukaneessaa gaggeessan kana qabuun seera duratti akka dhiyeessan gaafatanii, hokkara gosa gidduu dabalaa adeemuu keessaa kanneen harka qaban hundii kana hammeessuu irraa akka ofqusatan, muddama biyyatti keessaa hanqisuu irratti akka hojjatan gaafatan.

Kanneen siyaasa keessa jiran martii marii guutuu biyyaa gaggeessuun dhimmootii ijoo ta'an irratti walii galtee tokko irra akka ga'an, kana gochuu baannaan garuu Itiyoophiyaa qofaaf otoo hin taanee guutummaa kutaa sanaaf dhiibbaa hamaa akka qabaatu hubachiisan.

Jijjiirama mootummaan Itiyoophiyaa jalqabeef gamtaan Afrikaa deggersa qabu irra deebi'anii kan ibsan Musaa Mahmat biyyatti keessatti nagaa fi tasgabii argamsisuuf gargaarsa barbaachisu gochuuf qophii ta'u ibsan.

XS
SM
MD
LG