Xurree ittiin seenan

Breaking News

Museveeniin Marsaa Jahafaadhaf Waadaa Prezidaantummaa Seenaniiru


Prezidaantii Yugaandaa Yuweerii Museveenii
Prezidaantii Yugaandaa Yuweerii Museveenii

Prezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveenii marssaa jahafaadhaf waadaa prezidaantummaa seenaniiru. Roobii kaleessaa kan waadaa seenan Museveeniin haasaa godhan keessatii mormitoota isaanii cimisanii ergaa qeeqanii boodaa, warrii alaa wa’ee dimokiraasii isaan barsiisudhaaf mirga akka hin qabne dhubbtaniiru.

Filannoo ammajjii 14 tasifameen Museveniini fi partiin isaanii National resistance Movement harka 58.6 moo’achuu isaa labsee ture. Mormaan isaanii Babi Waayin harka 34 moo’un isaatiif filannichii haqa qabeessa miti jechuudhaan mormuun isaa waan yaadatamuu yemuu ta’u, yeroo duulaa filannoo sanaa sochii Babi Wayin dhorkuudhaaf umnii tikaa biyyattii tarkaanfii fudhateen dargaggoonnii hedduminaam hidhamuun,madaa’u fi du’uun isaanii gabasamera.

Haasaan Museveeniin godhan prezidaanton 11 dhaggefataniiru. Afrikaa diinotaa alaa irraa etisuudhaaf adda tokummaatiif umna nageenyaa afrikaa ijaaruu qabna jechuun isaanii gabasameera.

Sirna kana irrti namoonnii 4000 ta’an caalaan isaanii degertoota partii Museveenii hirmaachun isaanii beekamera.

Yuweerii Museveenii amma bara 2025 ykn amma wagga 82ffaa isaanitti aangoo irra turu.

XS
SM
MD
LG