Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeera Itiyoopiyaa Daawwannaa Hojiif Sudaanitti Qajeelan 


Muummichi ministeera Iriyoopiyaa Abiy Ahimad yeroo Sudaan seenan
Muummichi ministeera Iriyoopiyaa Abiy Ahimad yeroo Sudaan seenan

Muummichi ministeera Iriyoopiyaa Abiy Ahimad Daawwannaa hojii kan sirnaaf jecha Sudaaniin daawwataa jiran.

Dhimmootii biyya lamaan iraatti dura ta’aa mana maree mootummaa ce’umsaa Sudan Jeneraal Abdel Fattah al-Burhaan fi muummicha ministeeraa Abdellaa Hamdok waliin mari’atu jedhemee eegama.

Hoogganaan Itiyoopiyaa kun gara Sudaanitti kan imalan guyyaa dhuma ministeerri haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Maayik Pompeeyoo Kaartumiin seenu jedhamee eegamutti.

Pompeyooon hoogganaa Itiyoopiyaa kana waliin marii geggeessuuf dhiisuun hin beekamin jira.

Yunaayitid Isteetis marii dhimmi hidha Abbayyaa Itiyoopiyaa, Sudaan, fi Masrii gidduutti geggeessame taajjabdumman hirmaachuu keessaa qooda qabdi.

XS
SM
MD
LG