Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Somaalee Keessaatti Projektiin Daandii Har’a Jalqabsiifame


Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa Abiy Ahimed naannoo Somaalee keessa kan jiru projektii daandii km 300 har’a jalqabsiisanii jiran. Waajjira muummicha ministeeraa biraa ibsa kennameen daandiiwwan hojjetaman kun Gode Qalaaffoo Godee Hargallee fi Yale Dana keessatti argamu. Daandiin kun ennaa xumuramu hidhata gabaa kan cimsu fi magaalaa Godee waaltaa misoomaa taasisa jedhamee eegama. Naannoon Somaalee biyyattii keessaa bal’ina lafaan lammaffaa yoo ta’u baay’ina uummataan immoo sadaffaa dha. Waggaa sadii har’aa biyyattii keessaa naannoo lammiiwwan keessatti hidhamaa fi dararamaa ture yoo ta’u naannoo miidhaa hamaan irra ta’e ture.

Yeroo ammaa haalli hedduun kan jijjiirame yoo ta’u milkaa’ina muummicha ministeeraa akka ta’etti ilaalama. Muummichi ministeeraa Abiy Industrial park Dirre Dhawaa eebbisiisu jedhamee eegama jechuun Addis Chekol gabaaseera.

XS
SM
MD
LG