Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjattonni Isaa Ajjeefamuu Ministiriin Barnootaa Itiyoophiyaa ibsee Jira


Ministiriin Barnootaa Itiyoophiyaa hojjetoonni koo bobbaa hojii irra turan lama Obbo Mulaatuu Xaggaayee fi Obbo Ababaaw Ayyaalnah naannoo Affaar keessatti na jalaa ajjeefaman jechuun beeksise.

Namnii sadaffaan Obbo Demis Taammiree jedhaman immo mada'anii lubbuun ooluun ibsamee jira.

Reeffii namoota ajjeefamanis ministeerri barnootaa Dr. Geetaahuun Makuriyaa bakka argamanti gaggeeffame.

Tarkaanfii kan eenyu akka fudhatee hin beekamiin jira.

Kan lammiwwan gosa Isaa itti heddummaatan aanaa Gedaamaayituu ka naannoo Affaar keessatti kaleessa ajjeechaan kun raaw’atamuu isaa dura gaafa Wiixataa, lammiwwan Somaalota Isaa hedduun humnoota addaa Affaariin ajjeefamuu miseensonni mana-maree Ugaazummaa gosichaa fi maanguddoonni biyyaa VOAtti himanii jiran.

Har’allee raayyaan ittisa biyyaa aanaa Gedaamaayituu magaalaa Garba-Iissee seenanii tarkaanfii fudhataa jiru jedha Addis Chekkol gabaasa ergeen.Caqasaa.

Hojjattonni Isaa Ajjeefamuu Ministiriin Barnootaa Itiyoophiyaa ibsee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:07 0:00


XS
SM
MD
LG