Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhima Hidha Laga Abayaa Irratti Walgahiin Geggeeffamaa Jira


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Walga’iin ministaroota dhimma alaa fi ministaroota bishaanii biyyoota sadii – jechuun kan Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Masrii kaleessa akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Onkoloolessa 17 bara 2013 jalqabamee jira.

Ministara Tumsa Hariiroo idil-addunyaa Afrikaa Kibbaa fi Dura-taa’aa Mana-maree Hoji-raaw’achiistuu Gamtaa Afrikaa irraa akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Onkoloolessa 11, xalayaa barreessaniin gaaffii dhiheessan irratti hundaa’uun walga’ichi jalqabame, jedhame.

Kanuma irraa ka’uudhaan, ministaroota dhimma alaa fi ministaroota bishaanii Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Masriitiin ka jalqabame – walga’chi kaleessa guyyaa sa’aa kudhan irraa jalqabee – VIRTUAL yokaan karaa teknooloojii interneetii ka geggeessamaa jiru tahuu isaa ti kan ibsame.

XS
SM
MD
LG