Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Federaalaa Namoota Haleellaa Dirree Masqalaatti Raawwatan Jedhe Irratti Adaba Mure 


(suraa faayilii)
(suraa faayilii)

Manni murtii federaalaa dhaddachi tokkoffaan heeraa fi yakka farra shororkeessummaa namoota 5 balleessaa itti mure irratti hidhaa waggaa 5-umurii guutuun adabee jira. Manni murtichaa yakkamtoota kana irraa ol iyyannaa balleessaa salphisuus simatee jira.

Manni Murtii Federaalaa Namoota Haleellaa Dirree Masqalaatti Raawwatan Jedhe Irratti Adaba Mure
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:46 0:00

Waggaa lama dura waltajjii masqalaatti muummicha ministeeraa Abiy Ahimediif deggersa qabu mul’isuuf Finfinnee fi naannoo isheetii uummata ba’e irratti haleellaa geessisuu akkasumas wal ga’ii sana bittimsuu karoorsanii boombii darbatan kanneen jedhaman namoota shan irratti manni murtii federaalaa dhaddachi tokkoffaan heeraa fi yakka farra shororkeessummaa kanaan dura namoota balleessaa itti mure irratti har’a murtii adabaa dabarse.

Manni murtichaa hara waaree irratti adaba mureen yakka himatamaa tokkoo tokkoo isaanii fi adaba seerri murteessu adaba sirrii ta’e tarreessee jira.

Akkuma kanaan himatamaa tokkoffaa Geetuu Girmaa irratti hidhaa waggoota 23, himatamaa lammaffaa Biraanuu Jaafaar irratti hidhaa waggaa 22, himatamaa sadaffaa Xilaahuun Geetaachoo boombii inni darbeen lubbuun nama lamaa waan darbeef namoota hedduu irra immoo miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa waan geessiseef jecha hidhaa umurii guutuu, himatamaa arfaffaa Baahiruu Tolaa irratti immoo hidhaa waggaa 17 fi Desaaleny Tesfaaye irratti immoo hidhaan waggaa shanii murtaa’eera.

Manni murtichaa dursee himatamtoota irratti kan murteesse, himannaa abbaan alangaa dhiyeesseen raga namaa fi galmee dhiyeessee, himatamtoonnis ragaa abbaan alangaa isaan irratti lakkaa’e of irraa ittisuu waan hin dandeenyeef akka ta’e ibsameera. Murtiin adabaa utuu hin muramin dura himatamtoonni martinuu yaada adaba salhisuu dhiyeessaniiru. Manni murtichaas yaada dhiyaatan keessaa sababaa simatu fudhatee murti

XS
SM
MD
LG