Xurree ittiin seenan

Breaking News

Looretichi Artii, Lammaa Guyyaa Akkamitti Yaadatamu? 


Dooktorri kabajaa fi Looreetiin Artistii Lammaa Guyyaa Guyyaa kaleessa umurii isaanii waggaa sagaltamii lamaatti Addunyaa kana irraa du’aan boqotan. Looreetiin Artistii Lammaa Guyyaa waggoota 65 dabran keessatti hojiiwwan artii guguddoo hojjechuudhaan, keessumaa fakkiilee kuma kudhanii ol gogaa reettii irratti hojjechuudhaan ogeessa sadarkaa Itiyoophiyaa fi Afrikaatti baay’ee beekaman.

Looreetiin Artiist Lammaa Guyyaa nama artii qofa osoo hin taane qabsaayaadhas jedhan hogganaan Biroo Adaa fi Tuurizimii Oromiyaa Obboo Kabbadaa Deegsisaa. Sirni geggeessaa artistii guddaa kanaa sadarikaa kabaja gootaa tokkoo eegeen kan raawatamu tahuu isaa fi Sirni awwaalcha isaanii Onkolooleessa 19 bara 2013 Bataskaana Dalloo Qiddis Gabireeliitti ka raaw’atamu tahuun beekamee jira.

Waa’ee bara jireenyaa fi hojii isaanii qaamota adda addaa dubbisuun qophii qindeessine caqasaa.

Looretichi Artii Lammaa Guyyaa Maatii fi Qaamota Kaan Biratti Akkamitti Yaadatamu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:58 0:00


XS
SM
MD
LG