Xurree ittiin seenan

Breaking News

Najjootti Hidhattoonni Benishaangul  Gumuz Namoota 6 Ajjeesan, Jedhu Bulchiinsi Aanichaa 


Godinaa Wallagga Lixaa, aanaa Najjoo keessatti torban darbe hidhattootni namoota jaha ajjeesuu isaanii bulchaan aanichaa beeksisan.

Bulchaan aanichaa Obbo Taliilaa Tarrrafa akka jedhanitti, ajjeechaa kana kan raaw’ate hidhattoota Sosochii Bilisummaa Uummata Benishaangul jedhaman yoo tahu, kanneen ajjeesan sanaa ala nama biraa tokkollee madeessanii, loonis saamanii deeman.

Komishinarri Komishinii Poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz, Abdullaazim Mohaammad gama isaaniin, “Daangaa naannolee lamaanii jidduutti hidhattootni haleellaa raawwatan, warra walitti bu’iinsa sabootaa fakkeessuu barbaadani” jedhaniiru.

Hidhattootni yeroo ammaa haleellaa raawwachaa jiran, warra torban darbe Mootummaa wajjin waliigaltee mallatteesse akka hin ta'intu ibsame.

Najjootti Hidhattoonni Benishaangul  Gumuz Namoota 6 Ajjeesan, Jedhu Bulchiinsi Aanichaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:51 0:00


Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG