Naannoo Amaaraa bulchiinsa magaala Dassee bakka Xiixaa jedhamee beekamu irraa mucaa wagga torbaa ukamsanii fudhachuudhaan manoottan shakaman Too’annoo jala oolchuu isaaq poolisiin magaala Dasse beeksisee jira.
Ajaajaan buufata poolisii 4ffaa Itti anaa komaadewraa Mengiistuu Alii akka sagalee Amerikaatti himanitti, namoottan Fulbaana 11 bara 2017 ALI halkan walakkaa mucaa dhiiraa kana butanii fudhatan mucicha gadi lakksiisuudhaaf, biriin kumnii 700 akka kennamuuf ittu matii gaafachaa jiranuutii borumtii isaa Fulabaana 12 kan too’annoo jala olan.
Haadhaa mucichaa kan ta’an Adde Raabi’a Balaay bakka kanaan dura jiraacha turan godina Walloo kaabaa magaala Urgeessaa irraa sababa nageenyaatiin kan ka’ee jireenya isaanii irra buqa’anii magaalla dasee keessa akka jiraachaa jiran ibsanii mucaan isdaanii midhaan itti irra hin gahin deebisanii argachuun akka isaan gamachiise sagalee Amerikati himaniiru.
Daa’iman umnaan butanii fudhatanii maalaqaa gaafachuun waan babalachaa deemaa dhufeef namoottan too’annoo jala olan kanaa irratti tarkaanfiin seeraa baruumsa ta’uu danda’u akka fudhatamu jiraattonii magaala Dassee sagalee Amerikaatti himuu isaanii Masfin Araagee gabaasera.
Forum