Xurree ittiin seenan

Naqamtee Keessatti Namoota Boombiin Harkatti Qabame Jedhamuun Shakkaman Keessaa Lubbuun Darbee Jira: Itti Gaafatamaa Waajjira OPDO Magaalattii

  • Tuujubee Horaa

Magaala Naqamtee

Magaalaa Naqamtee keessatti kaleessa ayyaana Irreechaa kabajame irratti namoonni balaa dhaqqabsiisuuf turan jechuun kan dargaggoonni shakkan to’annaa jala oolan kaanis reebamanii lubbuun namaa darbuu fi madaa’uun raawwatamuun gabaasamee jira.

Akka jiraataan magaalaa Naqamtee jedhanitti namoonni shakkaman kun ayyaana sana irratti boombii dhoosuuf kan yaalantu harkatti qabamee jedhu.

Namoonni boombiin harkatti argaman jedhan jiraataan kun tokko qofaa uttuu hin taane bakka garaa garaatti.

Itti gaafatmaan waajjira OPDO magaalaa Naqamtee obbo Tseggaayee Abdiisaa garuu guyyaa kaleessaa boombiin qabame hin jiru. nama tokko harkatti garuu shugguxii seeraan alaatu qabame jedhan.

Dargaggoonni uummata keenya irratti miidhaan dhaqqabe jechuun aarii waan qabaniif namoota shakkan irratti reebicha raawwatanii kaleessa lubbuun nama tokkoo har’a immoo namni tokko du’uu isaa nuuf ibsan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG