Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoonni Biyyoota Afrikaa Gara Kuma Tokkoo Waashingten Keessatti Prezidaant Obaamaa Waliin Mari’atan


Hirmaattota Leenjii 'YALI'
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:49 0:00

Hirmaattota Leenjii 'YALI'

As Yunaaytid Isteets keessatti, dargaggoota biyyoota Afrikaa adda addaa irraa dhufanii torban leenjii hoogganummaa fudhataa turan waliin kan marii geggeessan – Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Baaraak Obaamaa, “Ardittii abdii ifaa qabdu – Afrikaaf qoodni dargaggoonni qaban guddaa dha” - jedhan.

Kaleessa as Waashington DC keessatti, kanneen Sagantaa leenjii hoogganummaa “Mandela Washington Leadership Initiative” - jedhamuuf biyyoota Afrikaa adda addaa irraa dhufan – dargaggota gara kuma tokkootti dhihaatan waliin marii bal’aa geggeessan – Prezidaant Obaamaan. Yeroo prezidaantichi gara galmaa seenanitti, dargaggoonni galmicha guutanii hawwii guddaan eeggataa turan --- harka dha’uudhaan, prezidaanticha guyyaa dhalata isaanii – waggaa 55ffaa ayyaaneffataa turaniin “Ayyaana Dhalataa Gaarii!” jedhanii simatan.

Dagaggoonni Afrikaa sun, uffata aadaa isaanii uffatanii, tokko tokko immoo – alaabaalee biyya biyya isaanii hafarsuudhaan ture ka prezidaanticha simatan.

Sagantaa bara kanaa irratti – dargaggoota Itiyoophiyaa 51 tokko qooda fudhate. Mana-barnootaa Addis Katama, ka Finfinnee jirutti, gorsa kennuun ka tajaajilu, namni hir’ina dhageettii qabu Seyifuu Yilmaa karaa turjumaanotaa Afaan-mallattoo hiikanii gaaffii dhiheessee jira.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:44 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG