Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obboo Jawaar Mohaammad Ambootti odaaa dhaabe, Ginciitti dhagaa yayyabaa kaahe hardha ammoo pirz. Mulaatuu Teshoomeetiin wal mari’ate


Daarekterii OMN,Jawaar Mohaammad Pirezidaanti Itoophiyaa Mulaatuu Teshoomeetiin wal mari'ate
Daarekterii OMN,Jawaar Mohaammad Pirezidaanti Itoophiyaa Mulaatuu Teshoomeetiin wal mari'ate

Daarekterii Omn Jawaar Mohaammadii hardha pirez.Itoophiyaa Mulaatuu Teshomeetiin wal mari'ate
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:30 0:00

Qabsaahaa mirga namaatii fi daarekterii OMN,Jawaar Mohaammad Omn fuudhee biyyattiin deebi'ee isaa fi dhaaba kanallee nama kuma kurnya hedduutti galma walgahii Finfinnee, Barkumeetti bahee simate.Eegii sunii amma guyyaa sadeessoo keessa jira.

Dhufiitiin tun “Gootota keenna waggoota dabaran kana keessatti wareegaman yaadachuudhaf akkasuma Qeerroo sirna abbaa irree gara galchee cehumsa kana saaqee galateeffachuuf irratti wal geenye,” jedhe Jawaar.

“Qabsaahota Oromiyaa hunda qalateeffachuudhaa fi wareegamtoota yaadachuudhaaf dhandhe.”

Jawaar itti aanee Ambootti dabree mana barumsa sadakraa lammeessoo Amboo biqiltuu odaa dhaabe.

"Ambo ga jidduu galeessa handhura qabsoo Oromooti.Yeroo dheeraadhaaf qabsoon keessatti godhamaa ture.Ginci bakka qabsoon hammaatuun bifa haaraan itti dhooteedha.”

Jawaar simannaa Ambootti tolchaniif irratti yoo dubbatu
Jawaar simannaa Ambootti tolchaniif irratti yoo dubbatu

​Jawaar qabsaahota Amboo tana waan hedduun galateeffate. “Yeroo baay’ee na gammachiisa qeeroon Amboo; naamusa,tokkummaa fi cimina isaaniitiin na gammachiisan,” jedhee itti aanee ammoo “waan na gammachiisaaniif waadaa galeef miila duwwaa Amboo bilisoomte keessa deema jedhee murteesse.”

Akkuma jedhee miila duwwaa keessaa deemee Ginciitti ammoo yaadannoof dhagaa yayyabaa dhaabe.

“Ginciitti bakka wareegamtoonni Ginci itti yaadataman Siidaa yaadannootiif dhagaa bu’uuraa kan kaahe.”

Ambootti ammoo fulaa Jaagamaa Badhaanee itti ijjeesanitti dhagaa bu’uuraa dhaabeef.

Daarekterii OMN Jawaar Mohaammad Jaagmaa Badhaanee yaadachuuf mana barumsa sadarkaa lammeessoo Ambootti yaadachuuf odaa dhaabe
Daarekterii OMN Jawaar Mohaammad Jaagmaa Badhaanee yaadachuuf mana barumsa sadarkaa lammeessoo Ambootti yaadachuuf odaa dhaabe

Ummata Ambootti akka Jaagmaaf yaadannoo dhaaban gaafatee haalallee miyyeesseef jedha

“Jaagmaan bara fincillii Oromoo bara 2001 keessa bifa haaraan adoo hin tahin jalqabame warra jalqaba wareegame keessaa innii ka duraati, dhalota kanaaf fkn taheef tokko."

Tanalee Amboon "hadhura qabsoo Oromoo waan taateef akka yaadannoon waregatootaa achitti dhaabaniif walgahaii irratti na gaafatan jedha Jawaar.

“Yaadan kana fudhannee yeroo gabaabaatit akka Oromiyaatti siidaa wareggamtootaa Ambootti dhabna.”

Hujiin Oromoo itti aanu akka qabsaahaan mirga namaa Jawaar jedhutti

Amma siyaasaa bulchiinsaatti itti aana siyaasaa kana ammoo biyya ijaaraa topkkummaa jabeeffachaa demokiraaii guddifanna jedha.

Tana maleellee Jawaar hardha pirezidaantii Itoophiyaa Dr., Mulaatuu Teshooeetiin masaraa biyyoolessaa keessatti wal mari’ate.

Pirezidaatiin abbaa biyyaatii akka innii paartilee siyaasaa walti fidee demokiraasii guddisan gaafanne jedha.

Pirezidaanti Mulaatuulleen akka OMN fi miilotii isaa ogummaa qabanin demokiraasii jabeessaa, akka ummatilleen tokkummaan biyya guddisu nu gaafate jedha.

Daarekterii OMN,Jawaar Mohaammad Pirezidaanti Itoophiyaa Mulaatuu Teshoomeetiin wal mari'ate
Daarekterii OMN,Jawaar Mohaammad Pirezidaanti Itoophiyaa Mulaatuu Teshoomeetiin wal mari'ate

"Siyaasaan mirga sabaa fi sablammii eeguu fi Itoophiyaa demokiraasiitti ceesisu jiraannaan humnaa fi beekumsa ummata keenna dhowwanu hin qabaannu," jedha.

Daarekterii OMN,Jawaar Mohaammad Pirezidaanti Itoophiyaa Mulaatuu Teshoomeetiin wal mari'ate
Daarekterii OMN,Jawaar Mohaammad Pirezidaanti Itoophiyaa Mulaatuu Teshoomeetiin wal mari'ate

Jawaar imaltu Itoophiyaatti dhaqeen amma fuula gara naanno Amaaraa,Tigraay, naannoo Kibbaatii fi fulaa hedduu dhaquuf karoora qaba.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG