Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obboo Addunyaa Magarsaa ‘Abbaa Gurraachaa’ qabsoo Oromoo bara 1976f Suudanii qaban lafa jalatti hidhan, dhiyoollee Karchallee bahe


Obboo Addunyaa Magarsaa 'abbaa gurraachaa' bara 1976 asi hidhamumatti jira 'namoota dhiiga nuu lolaasan haa yaadannuu'

​Obboo Addunyaa ‘abbaa gurraachaa’ isaa ganna 23 rakkoo 'Oromootiif falmachuuf' miilota isaa nama 5 waliin deemuu waraani dargii Suudanitti qabe, bara 1976.

Suudanii qabanii Eeritiraatitin dabranii, Itoophiyaatin deebi’an. Bara 1976 -2018 mana hidhaa hedduu irraan maranii warra mootummaan dhiyoo tana hidhaa yaasuutti jiru waliin Maaykelaawiwi bahe..

“Bara 1976 kaasee akka lakkoofsa habashaatti mana hidhaa adda addaa keessan ture.Karchallee, Alem-Beqqanyi waggaa 6 fi ji’a 2 hidhaa keessa ture. Innii marsaa lammaffaa bara 1999-2008 hidhuma keessan ture. Ammas marsaa sadaffaaf akka lakkoofsa habashaatti bara 2009 Muddee keessaa tohannoo jala oole.” Adoolessa bara 2018 hidhaa bahe.

Gaafa qabame sun dhaabilee rakkoo Oromootiif qabsaahanitti dabalmuuf isaan barbaadaa baane jedha.

“Dhaabbilee ummataa Oromoo sochii godhan yeroo san turan ABO barbaadaa turre harka diinaa buune.”

Jara waliin jiru keessaa obboo Aberraan gurbaa Bishooftuu Gabruu Gammachuu qofa beeka.Jara kaan karumatti walti duudan malee hin beekuu Oromuma lafa jidduuti.

Gabruun sunilleen bara 1991 keessa fayyaa dhabee du’e.Gaafa Suudanitti qaban Aqordaati fi Keren jidduutti ‘banker’ fulaa waraanii lafa jalatti mi’a waraanaa itti kuufatu keessatti ji’a lama caalaa hidhan.

Balee guddoo,'banker' sun keessatti nama lama lamaan hidhan.Akka obboo Addunyaan jedhutti boollitii sun ganna hedduun duratti qotani bineensatti itti gala mi’a waraanaa itti kuusan.”Wana abdii kutatanif bofaa fi hantuuta nurra yaahu womaattu hin daballu”.

Jara kan achii guuranii Asmaraa mana hidha Qaanyoo Sefer geessan. Kun ammoo mana hidhaa Xaliyaanii jaare mana hidhaa akka malee hamaati.

Obboo Addunyaa fa ji’a diqqaa achitti hidhanii mana hidhaa Eeritiraa Sembel geessan.

Sembel waraana dargii itti hidhan. "Kutaa gara 10 oltu jira.Maqwaan isaanis kaameraa 1,kaameraa 2,…kaameraa 3… jedhanii waamaman.”

Qaanyewu Shalaqaa keesatti obboo Addunyaan faatii rakkoo hamaamtuu argan; nama fannisani, mana leencaa jedhani mana hidhaa hamaa keessatti hidhan “nama ajjeechaa itti muran achitti hidhan.”

Achii ammoo hidhaa ganna 7 itti muran.Mana hidhaa Qaanyewu Shaalaqaa xaliyanaaii jare.

Achii bara 1979 mana hidhaa Finfinneetti dabarsan,Karchallee, Alem Beqqany.

Obboo Addunyaa Magarsaa bara 1976 asi hidhamumatti jira 'namoota dhiiga nuu lolaasan haa yaadannuu'
Obboo Addunyaa Magarsaa bara 1976 asi hidhamumatti jira 'namoota dhiiga nuu lolaasan haa yaadannuu'

Karchallee, Alem Beqqanyi keessatti ammoo nama hedduun walti dabalaman. "Namoonni yeroo san seenaadhaaf achi keessa jiraachuu isaanii hubadhe jaal Daawud Ibsaa,aaddee Tsahaay haadha mana qees Gudinnaa Tumsaa ka akka Nagaasaa Kumsaa(obboleessa Kumee Kumsaa ykn Maartaa Kumsaa) Aberraa Tolaa fa.”

Obbo Aberraan achi keessaa ammoo bara 1983 keessa bahee akka Itoophiyaatti bara 2009 qabanii Maaykelaawwiitti hidhanii walumattu bara 1976 haga bara 2018 ganna 17 hidhamee torbaan lamaan duratti bahe.

Obboo Aberraa haatii isa qofa qabdi isiilleen hin jirtuu ufillee hin warrine.Du’aa fi jidduu baatee amma maan jechu feeta jennaan

“Hidhamuun womaa miti.Hidhaan ulfaattuu kan taatu gaafa waan hidhamaniif san dagataniidha,kaayyoo san dagataniidha.Namni kaayyoo qabu lubbuu isaatuu dabarsee hin kenna.Nu ammoo hidhamnee amma gadi baanee jirra.Dhimmii guddaan maanifan hidhame jedhanii ufi gaafachuu. Ijoolleen Oromoo,ummannii Oromoo meeqattu dhiiga isaanii dhangalaasanii nu hiiksisan.

Waan obboo Aberraan jabeessuu jechuu fedhutti jira;

“Waan ani dhaamu namoota nuu jedhanii lubbuu isaanii dabarsanii fi dhiiga isaanii dhangalaasan san yaadannee kaayoo isaan lubbuu isaanii itti dhangalaasn galmaan gahuudhaaf gaafii isaan gaafatan san deebisuudhaaf hojjachuutti nurra jira.”

Obboo Aberraan akka inni jedhutti firaa fi fiixaallee lafaa hin qabu haatilleen isa qofa dhaltee isiilleen hin jirtu.

Hin warrinellee amma nama ganna 58ti amma nama durii beeku odeeffatee Fifninneetti bira jira. Dhalootaan ammoo Shawaa Dhiyaa naannoo Galgal Kuyyuuti.

"Abbaa Gurraachaa" bara 1976 asitti marroo sadii hidhaa hamaamtuu hidhan--'waan hidhamneef dagachuu hin qamnu'
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:06 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG