WASHINGTON, DC —
Humnoota nagaa fi tasgabii uummataa booressuuf socho’an irratti tarkaanfiin akkan fudhatamu ajaja kennuu isaa ka Komaandi Poostiin Labsee irratti mana jireenyaa fi teessoo bakka-bu’oota uummataa ka bulchiisa naannoo Oromiyaa sabaa himaalee hawaasaa adda addaa irratti maxxansamuu ibsee jira.
Kunis humnoonni farra-nagaa manneen isaanii deemuu fi telefoona itti bilbiluudhaan doorsisaa jiran jechuudhaan bakka-bu’oonnii fi maatiin isaanii nutti iyyatan jechuun ibsuun isaa ni yaadatama.
Kana ilaalchisee seeraan akka tarkaanfii fudhatus ibsa sana keessatti eeree jira. Daayrekteera Oromia Media Network (OMN) Obbo Jawaar Mohammad waliin gaaffii fi debii gaggeefame Caqasaa.