Dargaggoo Adaanee Faantaa jiraataa godin Qellem Wallagaa magaalaa Dambi Dolloo ti. ADaanen sibiila gataman irraa meeshaalee adda addaa kalaquu dhaan faayida uummataaf oolchee jira.
Kanneen keessaa baabura buna daaku, kan bukoo bukeessuu fi midhaan calleessutu keessatti argama. Meeshaaleen kun yoo warsha keessatti oomishaman gatiin isaanii qaalii yoo ta’u, kan inni kalaqe garuu gatii gad aanaa dhaan fayyadamtoota dhaqqabuu akka danda’u Adaaniin ni dubbata.
Fedhiin koos qonnaan bulaa biyya koo meeshaan ani kalaqe ganda isaatti akka dhaqqabu gochuu dha jedhee jira.