Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisoonni Haleellaa Boombii Waxabajjii 16n Shakkaman Wabiin Gad Dhiifamuuf Jiru


Manni murtii Federaalaa sadarkaa duraa dhaddachi abbaa dabaree itti aanaa komiishiniera Girmaa Kaasaa fi miseensota poolisii kanneen biroo 10f gaaffii wabii gaafatameef murtii kenne.

Miseensonni poolisii kun wabee qarshii kuma 15 hanga kuma ja’aa ta’uun hidhaa dhaa akka gad dhiisaman ajaje. Waxabajjii 16 bara 2010 waltajjii Masqalaa irratti deggersa muummicha ministeeraa haaraa Dr. Abiy Ahimediif agarsiisuuf uummata ba’e irratti haleellaa boombii geggeeffameen wal qabatee shakkamuun hidhaa keessa kan turan komiishina poolisii Finfinneetti itti aanaa komiishinara ka ta’an obbo Girmaa Kaasaa Dabalatee miseensonni poolisii 11 wabiin akka gad dhiifaman manni murtii kun ajajee

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG