Xurree ittiin seenan

Breaking News

Duguuginsa Sanyii Ruwaandaa Laalchisee Gaheen Faransaay 'Kufiinsa Guddaa' Jedhame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Barreessaan ijoon gabaasaa waa’ee ajjeechaa duguuginsa sanyii Ruwaandaa irratti dhiheenya bahee kan Prezidaantii Faransaay – Emaanu’eel Maakroon irraa deggersa argate, ajjeechaan duguuginsa sannyii bara 1994 sun geggeessamuu duras tahe booda qoodni Faransaay qabaachaa ture kufinsa guddaa dha, jedhee jira.

Prezidaant Maakroon gabaasaa sana deggeruun isaanii fi hambaalee bara ajjeechaa sanaa uummataaf banaa taasisuuf murteessuun isaanii, qooda Faransaay bara sana qabaatte ifatti mul’isuu fi hariiroo Ruwaandaa waliinii fooyyessuuf murachuu isaanii agarsiisa, jedhama. Tarkaanfiin kun, ka baay’ee boodatti harkifatee fudhatame taheyyuu, biyyoota lameen araarsuu malas, jedhamee jira.

Gabaasaa baatii Bitootessaa keessa maxxansame sun, Faransaay yeroo ajjeechaa duguuginsa sanyii Ruwaandaa bara 1994 qophaawamaa ture sana otuu argituu akka hin argiinitti dhiisuu ishee fi mootummaa Ruwaandaa hookkara oofuu fi leegii sanyii geggessy yeroo sanaa, kan Juvenaal Habyarimaanaa deggeraa turuu ishee fi eega fixinsi sun geggeessamee boodas, gochaa raaw’atame hin balaaleffatiin turuu ishee qeeqa.

XS
SM
MD
LG