Xurree ittiin seenan

Breaking News

Horroo Guduruu fi Wallagga Bahaa Keessatti Namoonni Hidhannoo Hin Qabne Ajjeesaman, Jedhame


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Haleellaa Kanaan “Walumaa galatti namootni 12 tu ajjeesame, kan mada’anis jiru” jedhan, jiraattotni aanaalee kanneen irraa VOAn dubbise. Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Baqqala Dachaasaa, “ABO Shaneen, namoota hidhannoo hin qabne 3 fi hidhattoota mootummaa 3 ajjeese” jedhan. Hidhattoota ajjeechaa raaw’atan jedhan sana irraa lama ajjeesuamuus dubbatu.

Itti gaafatamaan Poolisii Godina Wallagga Bahaa, dhimma haleellaa jedhame kanaa qulqulleefadheen deebii kenna jedhaniyyuu, achii ennaa deddeebiin itti bilbilamu bilbila isaanii hin kaasan. Gama biraan, kan mootummaan “ABO Shanee” jedhee waamu, Waraana Bilisummaa Oromootti, Ajajaan damee Oromiyaa Lixaa, “siviilota irratti ajjeechaa raaw’atu,” jedhamee himannaa garee isaanii irratti deddeebi’ee dhihaatu, “nuti warra hihdatee nu lolu irraa kan hafe namoota hidhannoo hin qabne yokaan siivilii” gonkumaa hin ajjeesnu, jechuun torban dabre mormuun isaanii ni yaadatama.

Horroo Guduruu fi Wallagga Bahaa Keessatti Namoonni Ajjeesaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:23 0:00


XS
SM
MD
LG