Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Ertiraa Tigiraay Keessaa Ba'aa Jiru:Itiyoophiyaa


Loltoota Itoophiyaa Tigraay naannoo Adigiraatitti, Bitootessa 18, 2021
Loltoota Itoophiyaa Tigraay naannoo Adigiraatitti, Bitootessa 18, 2021

Loltoonni Ertiraa bakka waraana Itiyoophiyaa waliin tahuun homnoota Adda Bilisummaa Uummata Tigraay yokaan HIWOT waraanaa turan Tigiraay keessaa bu’uu jaqaban – jedhu aangawoonni Itiyoophiyaa.

Ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa ibsa sambata darbee waaree booda baaseen akka beeksiseetti waraanni Ertraa Tigraay keessaa ba’uu jalqabuu isaa fi waraanni Itiyoophiyaa bakka bu’uun eegumsa daangaa jalqabuu isaanii ibse.’Itiyoophiyaan wal waraansa Tigraay keessaa kan baatii Sadaasa darbee eegalamee akka dhaabduuf dhiibbaa jabaa jala jirti.

Waraanni Ertraa meeqa akka Tigiraay keessaa ba’an ifa kan hin taane yoo ta’u kanneen Tigraay keessa jiraatan akka jedhanti looltoonni Ertraa ba’aa hin jiran.

Hogganoonni naannoo Sanaa immo waraanni Ertraa yeroo tokko tokko Yunifoormii ykn uuffata waraana Itiyoophiyaa uffatu jedhu.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Loltoonni Ertiraa Tigiraay Keessaa Ba'aa Jiru: Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:53 0:00


XS
SM
MD
LG