Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daarfuur Keessatti Walitti Bu’iinsi Uumame Lubbuu Galaafate 


Map locates West Darfur
Map locates West Darfur

Sudan naanno Daarfuur keessatti walitti bu’iinsa uumameen yoo xiqqaate namoonni 18 yoo du’an kanneen biroon 54 madaa’uu koreen doktorotaa naannoo beeksisee jira

Koreen kun kanneen du’an kan galmeesse yoo ta’u, kanneen madaa’an hospitaala Jeneyiinaatti wal’aanuu koreen doktorota Daarfuur dhiyaa ibsa baaseen beeksisee, walitti bu’iinsa sambataa fi dilbata geggeessame tuqee jira. Wixatta har’aa ennaa dammaqnu sagalee dhukaasaa dhaga’uu dhaani, walitti bu’iinsi sun amma iyyuu itti fufee gara naannoo gandeen magaalaalee gama dhiaa kan Al-Jeneyinaatti babal’achuu namni ijaan argan Abdelrahamaan Ahimed jedhaman AFPf ibsaniiru.

Koreen kun qaama walabaa biyyoolessaa yoo ta’u bara 2016 kan hundaa’ee fi hawaasa ogeessota eegumsa fayyaa bakka bu’u kun akka jedhetti ambulaansiin madoo baatee ture illee haleellaan irra ga’eera. Hospitalaonni hanga yoonaa kanneen miidhaman simachuu itti fufeera jedha korneen kun.

Naannoon Daarfur irra jireessi bara 2003 qabee bakka walitti bu’iinsi hamaan keessatti geggeessame yoo ta’u, uummanni 300,000 yoo dhumu kanneen miliyoona 2.5 ta’an immoo qe’ee irraa godaanuu tokkummaan mootummootaa beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG