Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Qilleensaa Hamaan Indoonesiyaa fi Timoor Bahaa Keessaa Qabeenyaa fi Lubbuu Namaa Irraan Miidhaa Geessise 


Indooneeshiyaa gama bahaa keessatti roobi yandoon roobee balaa lolaa dhaqqabsiiseen lakkoobsi namoota du’annii gara 55tti ol guddachuu isaa dhaabi baraarsa balaa biyyattii har’a beeksisee ira.

Dacheen fottqouun manneen jireenyaa hedduu kan ganda Lamnelee kan odola Flores konyaa Nusaa Tengaaraa gama bahaa keessaa mancaasee jira. Balaan kun kan dhaqqabe Sambata walakkeessa halkanii booda ture. Lolaan bishaaniis konyaa sana hanga tokko kan miidhe yoo ta’u odola dhiyoo jiru Lembaataa irraan illee miidhaa dhaqqabsiisee jira.

Dubbi himaan xiqqeessa balaawwan uumamaa akka jedhanitti yoo xiqqaate namoonni 42 achi buuteen kan dhabame yoo ta’u kanneen dhibbaan laka’aman immoo mana ofii dhiisanii baqachuuf dirqaman.

Roobi yandoon, dachiin fottoquu fi lolaan bishaanii riqichawwan mancaasee mukkeetii caccabsee daandiiwwan dhoqqaa’uun tattaaffii barbaachaa fi baraarsaa wal xaxaa taasisee jira.

Biyya hollaa Timoor bahaa keessaa roobi yandoon balaa lolaa dhaqqabsiisee fi dachiin dugdee magaalaa guddoo Dilii fottoquu isaan namoonni 21 du’uu angawoonni dhaabolii oduuf ibsanii jiran.

Indooneshaa keessaa balaan lolaa fi dachiin fottoquun waggaa waggaatti lubbuu namaa galaafata. Baatii Amajjii keessa Konyaa Jaavaa keessatti yeroo lama dachiin fottoqe namoonni 40 du’aniiru. Uummati biyyattii walakkaan kanneen miliyoona 25 ta’an naannoo lafti cituuf sodaachisaa ta’e keessa kan jiraatan ta’uu dhaabi baraarsa balaa biyyattii beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG