Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Dambi Dolloo Torban Lamaaf Tajaajila Ibsaa fi Bishaanii Malee jirti


Magaala Dambi Doolloo
Magaala Dambi Doolloo

Mootummaan Rakkoon Jiru Guyyoota Xiqqoo Keessatti Ni Furama Jedha 

Godina Qelem Wallaggaa magaalaan Dambi Dolloo fi naannoon ishee ibsaa fi bishaanni erga irraa dhaabbatee torban lama ta’uu jiraattonni naannoo akkasumas hojjettoonni tajaajila humna ibsaa fi bishaanii ka magaalatii beekisaniiru.

Itti gaafatamaa humna ibsaa biyyoolessaa fi hoogganaan tajaajila ibsaa Oromiyaa obbo Getuu Geremuu illee rakkoo kana quba qabna, guyyoota muraasa keessatti furuuf yaalii goona jedhan.

Jiraattonni magaalattii dhabamuu ibsaa irraan kan ka’e midhaan daaksifachuuf baadiyyaa keessatti kan argamu baabura midhaanii naafxaan hojjetu barbaaduuf hanga sa’aa sadii miillaan deemu.

Bishaan illee laga naannoo jiru dhaqanii waraabbachuuf ganama barii sa’aatii kudhaniin toora qabachuuuf manaa ba’u. kaanis bishaan xarmusii highland tokko hanga qrshii 15tti bituun fayyadamu.

Magaalaan Dambi Dolloo Torban Lamaaf Tajaajila Ibsaa fi Bishaanii Malee jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:26 0:00


XS
SM
MD
LG