Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaliin Xayyaaraa Ardiilee Keessa Sababaa Weerara Vaayrasii Koronaaf Addaan Citee Turee Jalqabun Himame


Buufata Xiyyaraa Asmaaraa

Sababaa Weerara KOOVID 19f ka waggaa tokkoof addaan citee ture balaliin xayyaaraa ardiilee keessa geggeessamu walakkeessa baatii Eblaa keessa deebi’ee jalqabama, jedha Ministiriin Wal-quunnamti fi Geejjibaa Ertiraa.

Balaliin yaaliif geggeessamu kun torbanitti guyyaa tokko Dubaay irraa gara Asmaraatti, Finfinnee irraa gara Asmaraatti kan imalu yoo tahu yeroo dhaa yerootti haalli isaa gamaaggamamee tarkaanfiin barbaachisaan ka fudhatamu tahuu, Ministarri Wal-quunnamtii fi Geejjimaa Ertriaa beeksisee jira.

Akka qajeelfama baheetti, hojjetoonni daandii qilleensaa fi imaltoonni qajeelfamoota Ministirii Fayyaatiin bahe kabajuunii fi of eeggannoo cimaa gochuun dirqama tahuun himamee jira. Daandiileen qilleensaas imaltoota sa’atii 72 keessatti qornnaa KOIID 19 yokaan PRC test fudhachuu isaaniif, dhaabbata beekamaa irraa ragaa mirkaneessu qaban qofa akka fudhatu akeekkachiisee jira.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG