Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bara 1999 kaasee Raashiyaaf takka mummicha ministeeraa yeroo kaan immoo prezidaanntii kan turan Vladmir putin har’a marroo 4 ffaaf prezidaantii ta’uun Masaraa Kremliin keessatti kakatanii aangoo qabatan.

Putin heera biyyatti irra harka ofii ka’anii yeroo kakatan Raashiyaa ishee har’a fi ishee gara fuula duraaf waan danda’aee mara gochuun hojii koo fi kaayyoo kooti jedhan.

Putin Prezidaantii ta’anii marroo shanaffaaf dorgomuu yoo fedhan heera biyyatti jijjiruu qaban.Harrii jiru marroo walitti aanana lama caalaa filatamuu hin qaban jedha.

Filannoo Bitooteessa darbee gaggeeffameen putin kaadhimamaa isaani waliin dorgoman irratti sagalee 100 keessaa harka 77 argachuun injifatan.

Deemsa sagalee kennuu gaggeeffame kan qeeqan taajjabdonni addunyaa deemsa filannoo sana keessa shirri hojjatamuu isaa fi kanneen dhiyaatan keessaa filachuun rakkisaa ture jedhu.

Angawoonni filannoo kan Raashiyaa immoo seera cabee xinnoo dha jechuun kunis qoratamaa jira jedhan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG