Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qeerramsi Poortilandi OU MN Moo’ee Waancaa Irraa Fudhate 'Dorgommiin Wal Jajjabeessuuf Dorgoman Waan Taheef Hedduu Bareedaadha'


Qeerramsii Poortilaandi OU Minisootaa Moo'ee Waancaa Irraa Fudhate
Qeerramsii Poortilaandi OU Minisootaa Moo'ee Waancaa Irraa Fudhate

Caaltuu Sanii:MN Oromiyaa jechaa biyyatti dhageette asi geennaa ammoo xiqqoo saniimitii guddoon arge
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:43 0:00

Dorgommii Kubbaa Miilaa Oromoo baranaa 23essoo,Amerikaa godina Minisootaa magaalaa Maple Grove istaadiyoomii Crimson keessatti taphatan.

Kilaboota kubbaa Oromoo 25ti guyyaa 10f irratti wal dorgome

Kilaboota tana keessaa Qeeroo,Qeerramsaa, Finfinnee, Tokkummaa, Abdii Sabaa,Abdii Boruu,Michu Sabaa fi hedduu.

Garee A fi B jedhanii qoodan. Garee A keessaa Qeerramsa Poortilaanditti Oromo United MN 3-1 moo’ee waancaa irraa fudhate. Qeerramsii takkuma akkana oli hin baane.

Warra “Torbaan Oromoo” kabajuuf Amerikaa dhufe keessaa tokko aaddee Caaltuu Sanii, itti gaafatamtuu galii Oromiyaa fi miseensa OPD.

Aaddee Caaltuu Sanii: MN Oromiyaa xiqqoo jechaa dhagahee asi gennaan xiqqoo saniimitii guddoon arge
Aaddee Caaltuu Sanii: MN Oromiyaa xiqqoo jechaa dhagahee asi gennaan xiqqoo saniimitii guddoon arge

“Wal moohuuf osoo hin tahin dorgommi hamilee walii kennuudhaf wal jajjabeessuudhaaf, dorgommii tokkummaa waan taheef hedduu bareedaadha.”

Wannii aaddee Caaltuu gammachiise ka dhibiin MN Oromiyaa jechaa biyyatti dhageette asi geennaa ammoo “xiqqoo saniimitii guddoon arke,” jette.

Kana malleellee ‘Oromo Street’ yoo jedhan “Oromootti wali moggaase natti fakkaate tana arguu kiyyaa hedduun gammade.”

Asii achi akka aaddee Caaltun jettutti tokkummaa Oromoo jabeessaa biyya jaaruu,jijjiirama amma dhufe durattiin deemuu fi “waan harka nu seene nuy harka seene jabeeffachuu.

Namii dhibiin dorgommii OSFNA tana irratti argine Kaalifoorniyaatti ambaasaaddera Itoophiyaa Birhaanee Mesqel Abbebee Sanyiiti.

Ambaasaader Birhaanee Mesqel Abbebee Sanyii
Ambaasaader Birhaanee Mesqel Abbebee Sanyii

​"Oromoon akkuma qabsooshaan moohate ispoortiidhaanis moohachaa jira guddina ummata keenyaa fi walitti dhufeenna ummata keenyaaf ceesisisa.”

Kilabiin Poortilaani akka warrii isaan walin dhufe jedhetti duruu akka dansaa qophaahee dhufe.

“Ijoolleen teenna akka ibidda taphatti. Qeerransii qeerramsuma.”

Tishoo Tafarraa koree OSFNA keessa jira.Dorgommiin tun eennummaa teenna nu barsiifti jedha.

Ijoolleen Oromoo dorgommii tanaa dhufan akka jecha isaatti taan sadarkaa lammeessoo,koollejii fi yuniversiti baratti.

Tishoonuu amma barumsa bioengineering PhD barachuutti jira.

Pirezidaantiin OSFNA bara dhufuu Mekfiraa Haaji Ahmed Nuureeti.

OSFNA jechuun aadaa teenna,Oromummaa teenna itti wal agarsiifnu jetti. “Guyyaa keenna torbaan keenna.”

Mekfiraa HaajiAadam Nuur pirezidaanti OSFNA
Mekfiraa HaajiAadam Nuur pirezidaanti OSFNA

Mekfuriyaan barana hujii tanaaf filan.OSFNA sadarkaa lamaa sadii durattiin deemuu feeti. “Kun waan argitan taha.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG