Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qondaalonni Ameerikaa Mormitoota Dubbisan


Hoogganoonni gamtaa Paartiilee mormitootaa Itiyoophiyaa, kan Medrek dhiheenya kana, Finfinneetti, qondaalota Yunaayitid Istaats waliin haasa’uun isaanii odeessamaa jira. Itti-aanaa Dura-taa’aan Medrekii fi Dura-taa’aan Koongiresa Uummata Oromoo - Dr. Mararaa Guddinaa akka jedhanitti, isaanii fi dura-taa’aa Medreki, kan aangawoota Yunaayitid Isteets waliin mari’ate.

Gama Ameerikaa tii kanneen haasawa sanatti hirmaatan, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Yunited Isteets, Doonaald Buuth fi aangawoota Ameerikaa irraa dhufan ka biroo dha.

“Rakkooleen Itiyoophiyaa keessatti mul’ataa jiran, kan mootummaan qofaa isaa furuu danda’u miti. Rakkooleen mul’tan, har’aaf ukkaamaman iyyuu booda balaa hamaa fiduu malan” ka jedhan, Dr. Mararaa Guddinaa, Paartii Mootummaa waliin gad-teenyee dubbannee furmaata walii-galaa barbaaduun, Mootummaan Yunaayitid Isteetsis yoo dhuguma furmaata waaraa biyyattii keessatti fiduu fedhu dhugaa kana hubachuu fi Mootummicha Itiyoophiyaa gara kanatti akka dhiibuu qabu dubbatu.

Gaaffii fi deebii guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

XS
SM
MD
LG