Xurree ittiin seenan

Jaarroleen Oromoo Raayyaa Finfinnee dhufan aadaa,seenaa fi afaan ufii jabeeffatanii baduu dhowwachuu fedhan

  • Soraa Halakee

Maanguddoon Oromoo Raayyaa Oromoo naannoo Somaalee baqatan fulaa hedduutti dhaqanii laaluutti jiran

Oromoon Raayyaa damee Oromoo bara durii keessa gama gama gargar godaante keessaa tokko.Akka henna bara 1993ti Tigraay naannoo keessaa Oromoo 47,000 caalanitti jira.

Maanguddoon Raayyaa dhiyoo tana Oromoo naannoo Somaaleetii baqatan laaluuf dhufan. Ijoolleen isaanii diqqeennaanuu afaan wallaaluutti jiran. Maanguddoon isaanii ammallee walti makanilee afaan Oromoo hinuma dubbatan

“Ormichii keenna baduutti jira.Abbaan koo haadhii ko Oromoodha.Isaan irraa Oromoo hambifanne.Innii nu dhashuutti jirru ammoo Oromoo hin beeku Tigree tahuutti jira.Timirtii hin qamnu Oromoodhaan.,”jedhan jaarroleen Raayyaa dhufan keessaa obboo Kadir Mujahiddiin Diimaa.

Waan obboo Kadir sodaatu nama hedduutti sodaata."Egerii hundeen keenna, Ormichii keenna hin bada jedhee sodaadha.Yoo akka tamraarru[barannu] nuu gootan hoffollee..ykn baduu keenna,” jedha.

Taatullee Oromoo Raayyaan ammallee waan aadaa fi afaan ufiitiin baduu dhowwan qaban. "Yeroo wal fuudhan qaraartoo,hiririra taphannaa,yoo wal fuudhan tapha taphanna Oromichaan. Fkn Gumaayyee,gumaay lolee... fa taphanna.”

Sirba waliin faarsan keessaa;

kaleessa galgala maaluma lallabanii,

Aayyoon buddeenna diddee daahimuma qallabanii

Biyya ambashaa qayyaa qamaleen hin dhiituu

Booshee na booshistee imimmaan ko hin dhuyiduu

Edaaf bulee edaa rafaa hin buluu

Baftaa ken aa ergii akka rafaa buluu…

Taatullee maanguddoon isaaniituu haguma abbaa sadii hedatan kanaayyuu dhabuuf ammoo afaanii fi aadaa ufii barachuu fedhan.Laftii isaanii ammallee maquma Oromootiin jirti.

Gama kaaniin ammoo Jidduu-Galii Qorannoo Aadaa ,Manneen Kitaabaatii fi Haddaraa (archives) ganna lamaan duratti hujii jalqabe.Hujiin Jiddu-Gala kanaa aadaa,seenaa fi ennummaa Oromoo qorachuu.Mootummaa naannoo Oromiyaatti yayyabe.

Dr.Gammachuu Daadhii,itti aanaa daarektera Jiddu-Gala kanaati. Akka innii jedhutti haga ammaatti wantii mootummaan naannoo Oromiyaa Raayyaa qorachuuf karoora baase hin jiru taatullee akka ummatii kun waan ufii jabeeffatu hojjachuu malan.

Akka Dr.Gammachuun jedhutti barii ammaa ka namii mataa oli-qabatee waan ufiitiin boonu.

"Ummatii Rayyaa akka sanyii isaa beekuuf,lafa handhurtii isaa itti buute beeksisuun gahee Jiddu-Gala kanaati.Yaadachiisa kana akka huji manaa guddaati fudhanna.”

Gama kaaniin ammoo akka Dr.Gammachuun jedhutti Oromoo Raayyaan afaaniin wal makanii dubbatanilleen Oromummaa hedduu ufi keessaa qaban.

“Fkn wantoota isaan afaan biraa jedhani yaadan fkn sirba isaanii keessaa

Korma gaafaa…..

Korma gaafa laalee…. Kan jedhu sirba isaanii keessatti yeroo fayyadamn argitaa.Oromummaa garsiisaa wantoota hedduu akka ufi harkaa qaban wantoota hedduu akka qamnu garsiisa.

Kanaafuu wantii qoratamuu malan hedduudhaa jennee ilaallaa.,” jedha Dr.Gammachuu Daadhii.

Quftumaan Raayyaa naannoo Tigraay keessaa Hacaa-Gamaa,Kubee-Jabbilee,Balee ,Dooloo, Marsaa, Gabbattee, Dayyu, Adaree, Dagaagaa, Gugguufaa, Haadha-Algaa fi hedduu.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG