Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raammoon Midhaan Mancaasu Biyyootii Gaanfa Afriikaa keessa Tamsa’aa Jira


Raammoon Midhaan Mancaasu Biyyootii Gaanfa Afriikaa keessa Tamsa’aa Jira
Raammoon Midhaan Mancaasu Biyyootii Gaanfa Afriikaa keessa Tamsa’aa Jira

Kan umuriin 25 timothy Mbaya lammii Keeniyaa ti. Boqqolloo maasii irra jiru dhibba irraa harki 75 ilbiisa rammoo gannaa fakkaatuun “armyworm” jedhamu baatii Ebla keessa duraa barbadaa’uu dubbata.

Joe DeVries itti aanaa prezidaantii sagantaa misoomaa kan : Alliance for a Green Revolution in Africa jedhamuu ti. Ilbiisi kun jalqaba Nigeria keessatti kan argame Amajjii bara 2016 jeessa yoo ta’u hatattamaan faca’a. Baatii Bitootessa darbee immoo Keeniyaa keessatti argame.

Kan warra Ameerikaaf haaraa hin ta’in ilbiisi raammoo gannaa fakkaatu kan armyworm jedhamu kun lafa fagoo barrisuu kan danda’an yoo ta’u dhaltuun ishee al tokkotti hanqaaquu hanqaaquu kuma tokko hanqaaxxi. Haala qilleensa badda daree keessatti kan wal horu raammoon kun Afriikaa bakka buufata isaa godhate. Haa ta’u malee hayyoonni akka jedhanitti ilbiisi kun attamiin as ga’uu akka danda’e waanti beekame hin jiru.

Jarmayaa fayyaa addunyaa kan damee keenyaaf itti gaafatamaa kutaa oomisha midhaanii kan ta’an Wilson Ronnoo akka jedhanitti iblbiisi kun balaa hongeen dhaqaabisiie hammeessuu qaala’uu gatii midhaanii Afriikaaf sababaa ta’e jechu hdaan Keeniyaa akka fakkeenyaatti tuquun ibsaniiru.

Ilbiisawwan kun guyyaatti km 100 waan barrisaniif Keeniyaa qofti ilbiisa kana of irraa ittisuuf tattaaffii gochuun ga’aa miti jedhu Ronoon.

Ronoon akka jedhanitti Afriikaa gama bahaa keessaa midhaan hektaara kuma 400 dta’an kan barbadaa’e ennaa ta’u ittisuun utuu hin jaalamin boqqolloo Afriikaa biliyoona afurtitti tilmaamamtu manca’e.

Raammoon Midhaan Mancaasu Biyyootii Gaanfa Afriikaa keessa Tamsa’aa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:31 0:00

XS
SM
MD
LG