Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaa fi Yukireen Gidduutii Lollii fi Mariin itti Fufee Jira


Gamoo halleellaa Raahsiyaatin gubate, Yukireen

Yemuu waraanii Raashaa Torban sadaffaadhaaf Yukireen keessatti haleelaa isaa itti fufee jiruu kanatti , rakkinicha mariidhaan hiikudhaaf yaaliin taasifamaa jiru ammas itti fufee jiraa. Haanga’oonii biyyottan lammanii marii kanaan duraa qaamaan wal arganii biyyaa Ollaa Beellaaruus keessatti taasisaa turan guyaa har’aas vidiyoodhaan itti fufuun isaanii gabasaamaa jira. Amma ammaatti garuu waliigalteen irraa gahamee hin argamne.

Walwaraansaa kanaan kan ka’ee yemuu namoottan miiliyoonatti lakkaawaman yukireeniin gad lakkisanii baqachaa jiraan kanatti namoonii muraasni biyyattidhaa alla turan immoo lammii keenyaa gargaaruu qabnaa jedhanii gara biyyaatii deebi’aa akka jiran gabasamaa jira.

Akka biyyii Ollaa yukireen Poolaand jettutti ergaa walwaraansii jalqabamee tornban sadan darbanii as namoonii kuma 186,000 yukireenitii kan deebi’an yemuu ta’u kana keessaa harkii 83 lammiilee Yukireen.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG