Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan  Misaa’eela Baalistiik Dhukaafte


Istuudiyoo Kurdistaan 24 Iraaq, Bitootessa 13, 2022.
Istuudiyoo Kurdistaan 24 Iraaq, Bitootessa 13, 2022.

Dhukaasa Iraan Misaa’eela Baalistiikiin gaggeessite magaala Iraaq gama kaabaa kan taatee Irbil haleelee jira.caasaalee naannoo uumanni jiraatu hangi tokko kan miidhae yoo ta’u lubbuu namaa irratti balaa geesisee hin qabu jedhamuun hogganoota siyaasaa kanneen Iraaq keessaa biraa qeeqa hordoofsisee jira.

Haleellaa misaa’eela Baalistiik 12 kan erga dhiyee booda gaggeeffame kanaaaf waardiyyaan warraaqsaa kan Iraan rawwachuu isaa kan fudhate yoo ta’u, iddoon sun lafa warri Israa’eel itti shiiran fi tarsimoo qabeetti taate kan magaalaa Kurdootaa keessajirtu jechuun ibsa baase.

Filannoo paarlaamaa dhiyeenya kana gaggeeffameen barcuuma hedduu kan injiifate paartiin hogganaa amantii warra shiyaa kan Muqtaadaa Al Saadir ibsa baaseen, mootummaan Tokkummaa mootummootaa fi Ambaasaaddara Iraaniif xalayaa mormii barreessuun haleellaan akkasii gara fuula duraatti akka hin dabalameef mirkanii haa gaafatu jedhan.

Xinxaltonni akka jedhanti, Saadiir balaaleeffannaa bira darbuun jecha cimaa dhageesisuun kun, paartileen siyaasaa Iraan deggertu filannoo paarlaamaa dhiyeenya Kanaan waan injiifatamiif jecha Iraan biyya boba’an badhaatee keessatti bekkamtiin qabdu gad bu’aa adeemuu agarsiisa jedhu.

XS
SM
MD
LG