Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripaablikii Afrikaa Waaltaa Keessatti Humnootiin Imala Nagaa Egsiisuu Irratti Bobbaafaman Ajjefaman


Ripaablikii Afrikaa Waaltaa Keessatti Humnootiin Imala Nagaa Egsiisuu Irratti Bobbaafaman Ajjefaman
Ripaablikii Afrikaa Waaltaa Keessatti Humnootiin Imala Nagaa Egsiisuu Irratti Bobbaafaman Ajjefaman

Ripaablikii Afrikaa Waaltaa keessatti kan imala naga eegsisuu irratti gama Tokkummaa mootummotaan kanneen bobbafaman keessaa 4 ajjefamuu barreessaa dureen Tokkummaa Mootummotaa Antoniyoo Gutarres balaaleeffatanii jiru.

Haleellaan Kun kokolaataan adeemaa ituu jiranii shakkamtoota hidhattoota farreen Balaakaan kan gaggeeffame ta’u mala shakkii jiruutu jira .

Gareen Tokkummaa Mootummotaa inni Ripaablikii Afrikaa waaltaa keessa jiru kibxata kaleessaa ibsa baaseen looltuun imala nagaa eegsisuu irratti bobba’e kan Kaambodiyaa tokko ajjefamuu kan mirkaneesse yoo ta’u booda irra moo kanneen biroon sadii eessa buteen isaanii dhabamee ture reeffi isaanii argamuu ibsee jira.

Paartileen biyyatti keessa jiran marti hokkara akka dhaaban akkasumas biyyatti keessatti tasgabii busuuf walii wajjiin akka hojjataniif Antoniyoo Gutarrees Waamicha dhiyeessanii jiru.

XS
SM
MD
LG