Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sambaataa fi Dilbata wal morkiin fiigichaa taasifamaniiru


Lammiin keeniyaa Albert Koririi Maaraatoonii Niiwu Yoorki moohera, Sadaasa 7. 2021.
Lammiin keeniyaa Albert Koririi Maaraatoonii Niiwu Yoorki moohera, Sadaasa 7. 2021.

Sanbataa dheengaddaatii fi dilbata kaleessaa dorgommiin fiigichoon sadarkaa adda addaa , biyyoottan adda addaa keessatti taasifamaniiru.

Kanneen keessaa as U.S magaalaa Niwu Yoorkitti fiigichii maaratoonii taasifamae isa tokko.

Maaratooniin Magaala Niwu yoork inni baranaa isa wagga waggaadhaan taasifamu qofa miti. Maaratoonichii erga jalqabamee waggaa 50 guuteera. Inni jalqabaa Fulbaana 13 bara 1970 taasifame.

Yemoo sana namootaa 127 qofatu irrati hirmaate. Bara darbe sababa Kooviid 19n kan ka’e ittu hin taasifamin hafe male wagga waggaadhaan ittu wal irraa hin citin barana gaheera. Fiigicha guyyaa kaleessaa taasifame irraati gara nama 30,000 tu hirmaate.

Figicha baranaa irratti dorgommii dhiiraatiin ni moo’atu jedhamanii atileetotaa eegaman keessaa Qananiisaa Beqqalaa tokko ture. Haa ta’u malee Qananiisaadhaaf hin taaneef. 2:12:52n xumuruudhaan 6ffaa baheera. 2:08:22n xumuruudhaan kan 1ffaa bahee lammii keeniyaa Albert Koririi ti.

Wal dorgommii dubarootaatin 2:22:39 xumuruudhan kan 1ffaa baate lammii keeniyaa Perees JepChirchir. Atileetin kun dorgommii Olompiiki bara kana Jaappaan keessatti geggeefamee irratti maaratoonidhaan 1ffaa baatee moo’uun ishee hin yaadatama.

2ffaa kan baates lammii keeniyaa yemmuu taatu, Abaabel Yeshaaneh 3ffaa baateetti. Abaabel rekoordii walakkaa maaratoonii qabatte kan turteedhaa.

Maaratooni Niwu yoorki rakkoo dhibee koovidii as deebi’ee jalqabamuu isaatiif jiraattonni magaalatti itti gammaduu isaanii ibsaniiru.

Karaa biraatiin fiigichaa kiiloo meetirii 5 sambataa dheengaddaa biyyaa Faransaay magaala Liil jedhamtu keessatti taasifameen dhiraa fi durbaan lammiileen Itiyoophiyaa milkaa’aniiru.

Fiigichaa dorgommii walmakaa ykn Mixed race jedhamee beekamu kanaan Daawit Siyyum daqiiqaa 14 fi sakoomdii 41n xumurudhaan rekooridii haara galmeesite mooteetti.

Atileet Meskerem Maammoo 3ffaa baatee ti. Dorgommii dubartootaa kiiloomeetirii 10,000n 1ffaa dhaa amma 6ffaati kan bahan keessaa lammiilee keeniyaa 5tu argamu. Aberaash Minseewo Itiyoophiyaa irraa 4faa baatee ti.

Dorgommii dhiiraa Kiiloomeetirii 5000 tin Berihu Aregawii daqiiqaa 12:52n 1ffaa bahee moo’era. Yaasin hajii 3ffaa baheera. Dorgommii biyyaa Faransaayitti taasifame kana irratti kan hirmaate Cimdeessaa Dabalee Guddataa daqiiqaa 27:16n xumuruudhaan 1ffaa baheeraa. Aadelaadelewu Maammoo 2faa ta’eera.

Dilbata Fiigichaa maaratoonii biyya Turkii magaala Istaanbul keessatti taasifameen dubartootaan lammiin Itiyoophiyaa Ayyaantuu Abdii 3ffaa baateetti.

Dilbataa biyya speen magaala Baarseloonaatti dorgomii maaratoonii taasifameen wal morkii dubartootaatiin lammiin Itiyoophiyaa Taadduu Teshoomee 1ffaa yemmuu baatu, Siisaay Meseret 2ffaa, Meseret Beletee 3ffaa Bekelech Guddata 4ffaa bahuudhaan walti aansanii moo’aniru.

Magaala biyya Ispeen biroo San Sebastiyaan keessatiis Dilbata dorgommiin fiigicha qaxxaamura biyaa taasifamee ture. Dubartootaan Zenebu Feqaaduu Moo’icha gonfatteetti.

XS
SM
MD
LG